AMN PLUS – Ebla 24/2018
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Itoophiyaa keessatti siyaasni qoollifataan, ilaalcha tokkee fi olaantummaa fedhu bakka hin qabu jedhan.
Nuti Itoophiyaa hundaan, hundarraa, hundaaf taate ijaaraa jirra jedhaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa duula na filadhaa Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeesseera.

Kantiibaa Adaanech hiriira deeggarsaa gaggeeffameerratti argamuun ergaa dabarsaniin filannoon birmadummaan uummataa kan ittin ibsamuufi adeemsa uummatni sagalee isaatiin itti mootummaa filatuudha jedhaniiru.
Filannoo malee mootummaa hundeessuun hin danda’amu kan jedhan Kantiibaa Adaanech hirmaannaafi murtoo uummataan ala hin milkaa’us jedhan.
Paartiin Badhaadhinaas itti fufuu kan danda’u murtoo uummataa qofaan tahuu ibsaniiru.
Aangoon murteessummaa yoo mirka’aaneefi uummatni keenyas mirga dimookiraasii qabutti fayyadamee yoo murteesse badhaadhina Itoophiyaa homtuu dhaabuu akka hin dandeenyellee Kantiibaa Adaanech hubachiisaniiru.

Har’a Itoophiyaa keessa siyaasni qoqqooddii, ukkamsuu ykn olaantummaa carraan itti mo’atu hin jiru kan jedhan Kantiibaa Adaanech nuti Itoophiyaa hundaan, hundarraa, hundaaf taate ijaaraa jirra jedhaniiru.
Finfinneen misooma hunda haammataa hojjechaa jirtis ibsaniiru. Maanguddootni kan itti boqotan, daa’imman kan keessa burraaqa guddatan, giddu galootni ispoortii dargaggootni qaamaafi sammuun akka ciman tajaajilan ijaaaramuu ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech bakkeewwan Finfinnee dhibbeentaan 74 dagataman turan misoomuun jijjiiramuun har’a manneen dhoqqeerraa ijaaraman gara dhibbeentaa 30 tti gadi bu’uu ibsaniiru.

Daandiiwwan Finfinnee dukkana turan har’a ifanii, daandiiwwan dhiphaa turan bal’atanii, uummataaf mijachurra darban fayyummaa hawaasaa kan eegan qulqulluu, misooma magariisummaan kan faayaman baay’inaan hojjetamu ibsuun kunis magaalota qulqulluu Afrikaa 10 keessaa 1 Finfinnee akka taatu taasisuus hubachiisaniiru.
Nuti warra yeroo filannoon gahuu uummata yaadatu miti, uummata keessa turre, uummata waliin jirraas Kantiibaa Adaanech kaasaniiru.
Mootummaa tahuu keenyaan dura uummataaf qabsoofneerra, uummatni keenya akka tajaajillu erga carraa nuuf kennes rakkoo ture hubachuun furmaata hedduu kennineerra jedhaniiru.

Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaanis waadaa kan gallu, yoo filatamne nageenya itti fufiinsa qabuufi badhaadhina hunda galeessa halkaniifi guyyaa cichoominaan hojjennee harcaatii tokko malee ni raawwannaas Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Maanifeestoon Paartii Badhaadhinaa ashaaraa gaarii kaleessaa itti fufsiisuu, rakkoolee bubbulaniif mala barbaadu, har’atti haalaan fayyadamuu, bori tilmaamuufi waadaa Itoophiyaa gara biyya fakkeenyaatti ceesisuu akka tahe ibsameera.
Badhaadhina filachuun hiyyummaafi boodatti hafummaa keessaa bahuun carraa amansiisaa gara fuulduraa bu’uuressuu akkasumas dimookiraasii dhugaa filachuu akka tahe ibsameera.

Mallattoon filannoo paartii badhaadhinaa nadoon qamadiis ida’amuu, tokkummaa, waloon hojjechuu, milkaa’ina, fakkeenyummaa, ibsituu olka’iinsaafi birmaadummaati.
Kunis hundaan, hundarraa, hundaaf mallattoo ittiin badhaadhina mirkaneessuuti jechuun Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Kanaaf badhaadhinni waadaa isaa ni eega, waadaa isaa ni raawwata, uummata abbaa aangoo olaanaa taasisaa, milkaa’ina hanga har’aatti galmeessine keessatti warreen yeroo mara nu cinaa dhaabbattan, kanneen nu deeggartan akkasumas har’a ganamaan baatanii hamilee guutuun jiraattotni Finfinnee deeggarsa keessan nutti agarsiiftan guddaa galatoomaa!

Irra deebiin yoo nu filattan kanaa ol cichoominaan, amanamummaafi iftoominaan isin tajaajiluuf waadaa ni seenna jedhaniiru Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.