Ambaasaaddarootni biyyoota garaagaraa saffisaan guddachuu Magaalaa Finfinnee dinqiisifatan

You are currently viewing Ambaasaaddarootni biyyoota garaagaraa saffisaan guddachuu Magaalaa Finfinnee dinqiisifatan

AMN PLUS – Ebla 24/2018

Magaalaa Finfinnee keessatti hojiiwwan misooma koriidarii fi pirojektoota misooma guguddaa hojjetamaa jiran, bifa magaalaa jijjiiruu keessatti jijjiirama dinqisiisaa agarsiisuu isaanii ambaasaaddarootni biyyoota garaagaraa ibsaniiru.

Yeroo gabaabaa darbe keessatti jijjiiramni guddaan Magaalaa Finfinneetti mul’achuu kan ajaa’ibsiifatan Ambaasaaddaroonni kunneen, Magaalaan Finfinnee bifa ishee jijjiiruun, jiraattota isheefis ta’e daawwattootaaf magaalaa mijataa, ammayyaa fi miidhagduu ta’uun gahumsa ishee ishee akka agarsiifte himan.

Jjijjiiramni kun magaalaawwan Itoophiyaa kanneen biroo keessatti babal’achuun guddina tuurizimiifi dinagdee biyyattii keessatti abdii guddaa akka uumus ibsaniiru.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Romaaniyaa Juliyaa Paatikaa Finfinneen hojii yeroo gabaabaa keessatti hojjetameen jijjiiramtee mul’achuun amanuuf akka ulfaatu ibsaniiru.

Waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti jijjiirama Magaalaa Finfinnee keessatti mul’ate kan dinqisiifatan Ambaasaaddar Juliyaa Paatikaa, misooma koridariitiin daandiiwwan guguddaa fi babal’aa, iddoowwan miidhagaa deemsa miillaaf mijatan fi paarkota qabaachuun magaalaa ammayyaa akka taate himaniiru.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Meksiikoo Alehandiroo Ives Istivilii Kaastroo ammoo misoomni koriidarii magaalaaf miidhagina olaanaa kennuu qofa osoo hin taane, hawaasaaf haala mijataa uumuun keechuummaa biyya alaa irraa dhufaniifis ta’ee jiraattotni magaalaa akka isaanii tolutti socho’uu, konkolaachisuun fi bashannanuu fi ijatti kan nama hawwatu ta’uu isaa kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.

Ambaasaaddarri Finlaandi Sinikkaa Antiilaa yeroo turtii isaanii keessatti hojiiwwan misooma koriidarii, paarkiiwwanii fi qarqara laggeen irratti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu isaanii ibsuun, magaalattin bakka jiraanyaa fi bashannanaaf filatamtuu akka taatuuf shoora qabaachuu isaas kaasaniiru.

Ambaasaaddarri Baangilaadish Eer Vaayis Maarshaal Siitiwaat Naayeemaa ammoo saffisni jijjiiramni Magaalaa Finfinnee ittin mul’ate ajaa’ibsiisaa ta’uu isaa eeruun, akka jedhanitti, haalli bara darbe Adooleessa keessa argeefi haalli amma irra jiru akka samiifi lafaa addaan fagaachuu isaa dubbataniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee magaalattiin sadarkaa addunyaa eeggattee akka ijaaramtuuf hojii dinqisiisaa hojjechaa jiraanis ambaasaaddarootni kunneen dubbachuu isaanii ‘ENA’n gabaasera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply