“Aarsaa seenaa bakka hin buufamne kana dhaloonni gonkumaa hin dagatu” Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing “Aarsaa seenaa bakka hin buufamne kana dhaloonni gonkumaa hin dagatu” Kantiibaa Adaanech Abeebee

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee

Baga ayyaana injifannoo gootota Itoophiyaa waggaa 85ffaan isin gahe!

Ayyaana Guyyaa Goototaa haala miidhagaa ta’een, Kabajamaa Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Vaayis Admiiraala Humna Galaanaa Kinduu Gazzuu, Pireezidaantii Waldaa Gootota Itoophiyaa Durii Lij Daani’eel Jotee Masfin fi gootonni bakka argamanitti, Arat Kiiloo Plaazaa misooma kooriidariitiin miidhage irratti haala adda ta’een kabajneerra.

Abbootiin fi haadhotiin keenya lubbuu isaaniitti osoo hin qusanne of kennuudhaan, biyya keenya Itoophiyaa bilisummaa ishee eeggattee har’a uummata bilisaa biratti onnee guutuun akka waamamtu nuuf tursiisaniiru. Dhugaa bara ce’u kanaa fi aarsaa seenaa bakka hin buufamne kana dhaloonni gonkumaa hin dagatu.

Dhaloonni har’aa yaadannoo fi hambaa seenaa abbootii isaa yaadachuu fi eeguu bira darbee, dirree gootummaa haaraa uumuu qaba. Akkuma gootummaan kaleessaa biyya weerartuu alaa irraa baraaruu ture, gootummaan har’aa ammoo biyya hiyyummaa, boodatti hafummaa fi hirkattummaa irraa bilisa baasudha.

Akkuma gootonni abbootiin keenya weerartuu fi baandaa keessoo falmuun injifatanii biyya nuuf tursiisan, nuyis har’a baandaawwan bara kana imala misoomaa fi nageenya keenya gufachiisuuf yaalan tokkummaa, dammaqinsa fi hojiin injifachuun dirqama keenya ta’a.

Irra deebiin baga ayyaana Guyyaa Goototaa waggaa 85ffaan isin gahe.

Itoophiyaan ijoollee ishee goototaan kabajamtee haa jiraattu! Uumaan Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply