Tiyaatira aadaafi duudhaa uummata Oromoo sirnaan mul’isuurratti xiyyeeffate – Saddeeta

You are currently viewing Tiyaatira aadaafi duudhaa uummata Oromoo sirnaan mul’isuurratti xiyyeeffate – Saddeeta

AMN PLUS – Ebla 28/2018

Tiyaatirrii aadaafi duudhaa uummata Oromoo shoora dubartootaafi siinqeerratti xiyyeeffachuun barreeffameefi moggaasni maqaa Saddeeta jedhu kennameef Dilbata dhufu akka eebbifamu ibsameera.

Dhaabbatni Bulchiinsa Manneen Tiyaatiraa Finfinnee akka ibseetti Tiyaatirri Afaan Oromoo “Saddeeta” jedhamu kan aadaafi duudhaa uummata Oromoo keessatti shoora dubartootaafi siinqeerratti xiyyeeffatee hojjetame xumurameera.

Tiyaatira Afaan Oromoo guddisuufi babal’isuuf hojiileen murteessoo tahan hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Manneen Tiyaatiraa Finfinnee Obbo Mulugeetaa Abarraa tiyaatira seenaa Baalchaa Abbaa Nabsoorratti xiyyeeffatefi tiyaatira Aayyoo Booraa jedhamanitti aanee Tiyaatira Afaan Oromootiin barreefamee ‘Saddeeta’ yeroo 3ffaaf eebbisisuuf qophiin xumuruu Ibsaniiru.

Tiyaatirri Saddeetaa Dilbata dhufu eebbifamu seenaa, aadaafi duudhaa Oromoo sirriitti baasee akka mul’isuuf ji’oota 8 oliif hojjetamuus Ibsuun tiyaatirichi taatota bebbeekamoo hedduu hirmaachiisuun eebbaaf qaqqabuus hubachiisaniiru.

Barreessituun Tiyaatira ‘Saddeetaa’ artiisti Yaawubdaar Li’ul gama isaaniin tiyaatirichi aadaafi duudhaa Oromoo akkasumas shoora Siinqeefi Haadholiin Siinqee qaban calaqqisiisuuf aadaa Oromoo Arsiirratti bal’inaan xiyyeeffatamee hojjetamuu Ibsaniiru

Taayitirichi mana tiyaatiraa Hagar Fiqiritti Dilbata dhufu akka eebbifamu ibsa miidiyaaleen kennameen hubachiifameera.

Gabaasni kan Tsahaay Zawudeeti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply