Magaalaa qabiinsa daa’immaniif haala mijataa uumuun haadholiin akka harka hiikkatan taasisaa jirtu – Finfinnee

AMN PLUS – Ebla 29/2018

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee “Pirojektii Misooma Kunuunsa Daa’imummaan Duraa” tiin hojiin daa’imman yeroo ulfaa haga waggaa 6 guutanitti kunuunsa barbaachisaa ta’e akka argatan taasisuu milkaa’ina argamsiisaa jiraachuun ibsame.

Pirojektiin kun dubartootni hirmaannaa hojiifi oomishtummaan qaban akka cimsatan taasisuun gamatti Finfinneen haala qabiinsa daa’immaniif tolu mijeessuun haadholiin akka harka hiikkatan shoora olaanaa taphachuun himameera.

Pirojektiin kun qaamolee hawaasaa galiin isaanii gadi aanaa ta’e fayyadamtoota taasisuu irra darbee magaalaa Finfinnee guddina daa’immanii gama maraaf haala mijataa uumuu galma godhatee hojiitti hiikamaa jira.

Haaluma kanaan kutaalee magaalaa hundatti iyyuu iddooowwan daa’imman taphachaa achumaanis walitti dhufeenya hawaasummaa itti baratan Kuma 5 caalaniifi bakkeewwan tursiisa daa’immanii (Day Care) Kuma tokkoo ol ijaaruun maatii fi daa’imman tajaajilaa jira.

Haadholiin hojii isaanii hojjachaa ijoollee isaanii akka itti dhiyeenyaan hordofaniifi kunuunsaniif dhaabbilee federaalaa dabalatee bakkeewwan tursiisa daa’immanii 713 kan gurmaa’an yoo ta’u, daa’imman Kuma 11 ol ta’an tajaajila kana argachaa jiraachuu kan ibsan Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa,Daa’immaniifi Hawaasummaa Aadde Qoonjit Dabalaa AMN’f ibsaniiru.

Iddoowwan tursiisaafi taphaa daa’immanii kanneenitti tajaajilootni kunneen haalaan dhaqqabamaa akka ta’aniif ogeeyyii Kuma 5 leenjii fudhachuun hojiitti seenuu kaasaniiru.

Ogeeyyii kunneen manaa manatti deemuun maatii fi daa’immaniif deggersa akkasumas gorsa kan kennan dabalatee kanneen bakka tursiisaatti tajaajila kennanis daa’imman barnoota tapha irratti hundaa’e akka argatan taasisaa jiraachuu hubatameera.

Hojiin qindaawaan kun dubartootni hirmaannaa hojii fi oomishtummaa dubartootaa kan dabale ta’uu irra darbee daa’imman haga waggaa 6 jiran osoo gara barnoota idileetti hin ce’in qophaa’ummaan qaamaa fi xiinsammuu isaanii akka guddatu taasisuu ibsameera.

Gabaasa Barakat Geetaachoo, Malkaamuu Abbabaati qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply