AMN PLUS – Ebla 29/2018
Waggoota dheeraaf seenaa Afrikaa qaamolee birootiin faallaa dhugaa himamaa ture har’a garuu Afrikaanotni karaa miidiyaa dijitaalaan seenaa isaanii uummata addunyaatti agarsiisuuf Magaalaa Finfinneetti walitti qabamaniiru.
Walga’ii kana irratti ijoolleen Afrikaa karaa miidiyaa hawaasaatiin dhiibbaa uuman kan hirmaatan yoo ta’uu, kaayyoon ijoo walga’ichaa dhiibbaa uumtoota gidduutti tumsa uumuun, dhimmoota Afrikaa irratti sagalee waliinii isaanii akka dhageessisan carraa kan qabu ta’uun ibsameera.

Maqaa gaarii Afrikaa addunyaatti beeksisuuf, akkasumas odeeffannoo dogoggoraa yeroo dheeraaf Afrikaa irratti babal’ataa ture jijjiiruuf gaheen miidiyaa hawaasaa guddaafi murteessaa akka ta’es himameera.
Walga’iin kun biyyoota Afrikaa gidduutti waliigaltee fi tokkummaa uumuuf dhiibbaa uumtootni miidiyaa hawaasaa waliin hojjechuun carraa guddaa kan saaqu ta’uus ibsameera.
Qabiyyeen hojii dhiibbaa uumtoota walga’ii kana irratti hirmaatanis sirritti filatamuun akka maqaa gaarii Itoophiyaafi Afrikaa addunyaatti beeksisuuf tolutti kan qophaa’e ta’us eerameera.

Walga’iin kunis hanga guyyoota boriitti kan turu yoo ta’u, maqaa gaarii ijaaruun cinaattis dijitaala fayyadamuun dargaggoota Afrikaa kalaqaan deeggaramanii galii argachuu danda’an guddisuuf kan gargaaru akka ta’es ibsameera.
Yaa’ichi Finfinnee roga maraan guddinarra jirtu sirriitti beeksiisuuf rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa Afrikaa asitti argamuun qooda qabas jedhameera.
Shuumii Badhaasootiin