AMN PLUS – Caamsaa 03/2018
Gaazexessaan imalaa Keeniyaa “KNT Shows” miidhagina Finfinnee kan Magaalaa “Dubaay Afrikaa Bara 2026 taateetti” jechuun Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa Afrikaa keessaa guddicha ta’uu kan ibsuu naannawa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee fi Hoteela Iskaay Laayitii mul’isuun eegala.

Achumaan Giddu Gala Konveenshinii Idil Addunyaa Addis biraan kutaa, magaalaa hawwattuufi qulqulluu Afrikaa jechuun Finfinnee beeksisa. Waa’ee bashannana bishaanii fi haala miidhaga isaa halkanii ajaa’bisiifachaa gara koriidarii simboo Finfinnee ta’eetti ammoo darba.
Waggoota muraasa keessatti pirojektoota gurguddoo qabamanii hojiitti seenan keessaa tokko kan ta’e koriidariin haalaan miidhagee hojjatamuu ibsuun magaalattiin diigamtee akka haaraatti miidhagdee ijaaramaa jiraachuu mil’uu isaan xiinxala.
Kanaaf ammoo akka agarsiistuutti kan kaasu Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) fi Qarsaa (Kaasaanchiis) fa’i. Bakkeewwan kunneen wayita misooman seenaa ganamaa isaanii eeggatanii sona dabalatanii akkaataa dhalootaaf darbuu danda’utti ta’uu hubachiisa.

Lageen waggoota muraasa dura manca’aniifi madda dhibeewwanii fi foolii badaa ta’an qulqulla’anii akkasumas misoomanii daandiiwwan lafoo, biskileetii fi bakkeewwan bashannanaa ta’uun aara galfiif ofitti nama affeeruu isaanii eera.
Gaazexessaan imalaa KNT kun Pilaazaa Yaadannoo Injifannoo Adawaattis imaluun seenaa birmadummaa Afrikaanotaa fi uummata gurraacha addunyaa beekuuf mallattoon guddichi siidaa ta’uun dhaabbate asitti argamaati kottaa daawwadhaa jechuu irra darbee, seenaa koloneeffatamuu dhabuu Itoophiyaas ol kaasee hordoftoota isaatti boonaa kan himu, tajaajila Baankii Ismaartii maashinii ATM irraa si’aa’inaan fayyadamaati.
Buna sadarkaa addunyaatti beekamuu fi dhandhama addaa isaan heddummoota hawwatu irraa unachaa miidhagina Finfinnee labsuu itti fufa, “Uggum Finfinneen dhugumatti miidhagduudha, kun bifa haaraa Finfinneeti” jedha.

Finfinneen waggoota muraasa keessatti haalaan jijjiiramuu fi miidhaguu ishee dhugaa ba’aa, namni waggaa sadii dura as ture yoo deebi’ee dhufe, kun Dubaay malee Finfinnee ta’uu akka hin amanne dubbata.
Keessumaa qulqullina isheen ammoo booji’amuu kaasa. Halkan ammoo caalaattuu ibsaawwan ishee halluu garaagaraan faayaman, koriidariiwwan isheen hawwatamee, bashannana bishaaniin miidhagdee yoo jiraattota isheen nagaan akka bulan dhaamtu, tasumaa dhiisanii keessaa galuuf garaa nama nyaachuu ishee sirriitti ibsa.

Iddoo itti daa’imman bashannananiifi taphatan haala adda ta’een ijaaramuun xiyyeeffannoo dhalootaaf kenname mul’isuu eeruun Godahambaan Saayinsii duriifi kalaqa teknooloojii ammaa walitti ida’uun of keessatti qabate, wiirtuu beekumsaa abdii dhalootaafi biyyaa ta’uu, Mana Kitaabaa Guddicha Abirahootiin mil’achaa fuuldura akeeka.
Daawwannaa isaa ajaa’ibsiisaa kana xumuruun yoo gara Hoteela qabatetti deebi’u akka durii taaksii waamuun osoo irraa hin eegamin, biskileetii waammatee mala dijitaalaan kaffaltii raawwachuun koriidarii irra ooffatee akka galuu danda’u hima.

Hagam illee roobni imala daawwannaa isaa haga ta’e Finfinnee miidhagduu rooba keessaa daawwattoota isaaf qooduun hordoftootni isaa Finfinnee akka daawwatan affeeruun gara hoteela isaatti deebi’us hordoftootni kuma hedduun lakkaa’aman viidiyoo inni qoode daawwataniiru.
Cehumsi Finfinneen gama maraan taasisaa jirtu xiyyeeffannoo hawaasa idil addunyaa harkisuun namoota bebbeekamoo haga gaggeessitoota biyyaatti Finfinnee daawwachuu itti fufaniiru.

Finfinneen fakkeenya badhaadhina Itoophiyaa, guddina damdaneessaa galmeessistuun Afrikaa maraaf simboo fi miidhagina taate ta’uun waaraa jirti.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e