Pirezidaant Emaanu’eel Maakiroon Afrikaaf Invastimantii Yuuroo Biiliyoona 23 Ifa Taasisan

You are currently viewing Pirezidaant Emaanu’eel Maakiroon Afrikaaf Invastimantii Yuuroo Biiliyoona 23 Ifa Taasisan

AMN PLUS – Caamsaa 04/2018

Pirezidaantiin Fraans Emaanu’eel Maakiroon biyyoota Afrikaa keessatti kan hojiirra oolu invastimantii Yuuroo biiliyoona 23 ifa taasisaniiru.

Pirezidaantichi qabiyyee invastimantii kana kan beeksisan, waltajjii Foramii Fraans-Afriikaa Naayiroobii Keeniyaatti gaggeeffamaa jiru fi hoggantoonni biyyoota Afrikaa 30 ol irratti hirmaatan irrattidha.

Invastimantiin kun dameewwan Anniisaa, Artiifishal Intalajansii (AI) fi Teknoolojii Dijiitaalaa, Galaanaa fi Loojistiiksii akkasumas Qonna irrattidha.

Pirojektiin invastimantii kun Afrikaa keessatti carraa hojii kallattii kuma 250 ni uuma jedhamee eegama.

Pirezidaant Maakiroon waltajjicharratti ergaa dabarsaniin, “As kan dhufne Afrikaa keessatti invastii gochuuf qofa osoo hin taane, abbootiin qabeenyaa Afrikaas Fraans keessatti invastii akka taasisan carraa uumuufidha,” jedhaniiru.

Waltajjiin kun biyyoota afaan Faransaay dubbatan (Francophone) ala yoo gaggeeffamu kan jalqabaa ta’uu isaa Rooyitarsi gabaaseera gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply