AMN PLUS- Caamsaa 04/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen KutaaMagaalaaLidataatti, dirree Ispoortii ammayyaa eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisan.
Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin “Ganama har’aa Kutaa Magaalaa Lidataa naannoo Saarbeetiifi Vaatikaanitti, miseensotaafi deeggartoota keenya qindeessuun, dirree ispoortii dargaggootaaf ijaarree xumurre tajaajilaaf banaa gochuun, ispoortii hundaan duula filannoo gaggeessineerra” jedhan.

Dargaggoonni magaalaa Finfinnee naannoo jireenyaa isaaniitti iddoowwan ispoortii akka argataniifi qaamaan kan ciman, sammuun kan gabbatan, dandeettii kan qabaniifi dorgomoof qophaa’oo akka ta’aniif, bajata mootummaa qofaan osoo hin taane, akka paartiittis qaamolee adda addaa qindeessuun ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyi ijaaramaa jirtu dargaggootaafi, dargaggoota karaa hin taaneen qeequufi farrajuurra beekumsaafi dandeettii qabaniin hojjechuu akka danda’aniifi abjuu isaanii akka galmaan gahanitti damee hundaan haala mijaawaa uumuun ni eegama jedhan.
Paartiin Badhaadhinaa waadaa gale hojiin ni raawwata, fayyadamummaa dargaggootaas ni mirkaneessa jedhan Aadde Adaaneech.