AMN PLUS – Caamsaa 05/2018
Finfinneen yaa’ii kunuunsa daa’imummaan duraa sadarkaa Afrikaa keessummeessaa jirti.
Hirmaattootni yaa’ichaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee kan daawwatan yoo tahu magaalattiin fakkeenya misoomaa Afrikaa tahu waan daawwatanirraa kahuun ibsaniiru.

Keessummootni kunniin turtii AMN Sagalee Dhalootaa waliin taasisaniiin Finfinneen kaleessa beekan kan har’aa waliin gonkuma wal cinaa qabamuu akka hin dandeenye ibsuun biyyootni Afrikaa biroo magaalattirraa muuxannoo qooddachuu akka qaban akeekaniiru.
Paarkiiwwan iddoo bashannanaa tahuun tajaajilaa jiran dabalatee misoomni qarqara lageeniis qalbii isaanii hawwachuu kan ibsan hirmaattootni yaa’ii kunuunsa daa’imummaan duraa sadarkaa Afrikaa Finfinneen qopheessiterratti hirmaataniifi misooma magaalattii daawwatan kunniin nageenya Finfinnees dabalatee haalli jiru amansiisaa tahuu dhugoomaniiru.
Dabalataan guddina Finfinneen galmeessaa jirtu Singaapoor waliin wal cinaa qabuun kan ibsan keessummootni biyyoota idil addunyaarraa as Finfinneetti argaman misoomichi kunuunsaafi eegumsa naannoofis xiyyeeffannoo kennuun tahuun hangam akka isaan gammachiise ibsuuf rakkisaa tahullee AMN’tti himaniiru.

Keessummootni yaa’ii kunuunsa daa’imummaan duraa sadarkaa Afrikaatti gaggeeffameerratti argaman Finfinneen jiraattota isheefillee mijattuu tahuu ibsuun muuxannoo misoomaa saffisaafi qulqullina qabuu akkasii magaalotni Afrikaa irraa barachuu akka qaban yaada kennaniiru.
Gabaasni kan Fireehiwoot Birhaanuuti