AMN PLUS – Caamsaa 05/2018
Hariiroon Faransaay fi Afrikaa seenaa, haala walitti dhiyeenya teessuma lafaafi dameelee biroonis hidhata roga hedduu qaba.
Dhiyeenyaa as ammoo Faransaay tumsa damee dinagdeen Afrikaa waliin qabdu cimsuun kan itti fufte yoo tahu, akka lakkoofsa faranjootaatti bara 2024 irraa eegaluun daldala gamlameen Yuuroon Biliyoona 65 caalu socho’aa jiraachuu ragaaleen ni mul’isu.
Yeroo amma akka Ardii Afrikaatti abbootiin qabeenyaa Faransaay 4400 hojiirra kan jiran yoo tahu kunis Afrikaanota lakkooofsaan walakkaa Miliyoonaa caalaniif carraa hojii uumuun ibsameera.
Tumsi hunda galeessi Afrikaa – Faransaay kun yaa’ii Afrikaa ‘Forward 2026’ Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffameerratti caalmaatti xiyyeeffannoo argateera.

Yaa’icharratti pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakiroon akka Afrikaatti damee invastimantiin kan hojiitti hiikamu Yuuroo Biliyoona 23 ifoomsaniiru.
Yuuroon Biliyoonni 14 mootummaa Faransaay fi dhaabbilee dhuunfaan kan ramadamu yoo tahu, Yuuroon Biliyoonni 9 hafe ammoo abbootii qabeenyaa Afrikaan kan uwwifamu tahuu ibsameera.
Kunis harki caalu fooyyessa anniisaa, teeknoloojii dijitaalaafi hubannoo namtolchee (AI), dinagdeefi qonnaaf akka oolu himameera.
Adeemsi kun walumaagalattii lammiilee Kuma 250’f kallattiin carraa hojii kan uumuu tahuun ibsameera.
Pirezidaantichis fayyadama waloo Afrikaa – Faransaay bu’uureffate cimsuuf hojjechaa jiraachuunis tarkaanfii sirrii tahu xiinxalameera.
Yeroo sirna kolonii keessa hambaalee seenaa Afrikaanotaa saamamanii turan hojii deebisiisuufi shororkeessummaa hir’isuun bultii keessa balleessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qabanis qaama tarsiimoo isaanii isaa haaraa akka tahe pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakiroon ifoomsaniiru.
Tizitaa Mangistuutiin