Mariin sadarkaa olaanaa Gamtaa Afriikaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti taa’ama

You are currently viewing Mariin sadarkaa olaanaa Gamtaa Afriikaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti taa’ama

‎AMN PLUS – Caamsaa 05/2018

‎Mariin sadarkaa olaanaa gamtaa Afrikaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 10ffaan teessoo muummee gamtichaa Finfinneetti har’a taa’ama.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Komiishinar Mahaammud Alii Yusuuf fi barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez maricharratti akka argaman ibsameera.

Mariin kun tumsa tarsiimawaa misooma Afriikaafi bulchiinsa idil addunyaa qaamolee lamaan gidduu jiru cimsuurratti akka xiyyeeffatu ibsameera.

Tumsa dhaabbilee lamaan gidduu jiru, itti gaafatamaa fi tumsa waloo misoomaan, bulchiinsaan, deeggarsa namoomaa fi ijaarsa nageenyaa akkasumas dhimmoota dursi kennamuuf guddisuun akka danda’amu mariin ni gaggeeffama.

Marii sadarkaa olaanaatti taa’amu kanarratti dhimmootni tarsiimawoo hedduun kan irratti mari’ataman yoo ta’u, keessumaa ajandaan 2063 fi raawwii hojiirra oolmaa karoora boqonnaa lammaffaa kan waggaa kudhanii si’achiisuu akkasumas qooda giddu galeessaa Afriikaan imaammata idil addunyaa fi bulchiinsa keessatti qabdu eeguu kan jedhan ajandaawwan xiyyeeffannoon kennamuuf tahuu akeekameera.

Dabalataanis faayinaansii misoomaa “hirkattummaarraa gara birmadummaatti cehe” mata duree jedhu gamtaan Afrikaa 2026 yaa’ii waggaa taa’en dhiyeessii bishaan dhugaatii fulla’aafi eegumsa qulqullinaa, akkasumas riifoormii dhaabbilee idil addunyaafi bakka bu’ummaa Afrikaan mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii keessatti qabdu irratti ni mari’atamaan eegama.

Waltajjiin kun rakkoolee Ardiif furmaata Afriikaa fiduu, qabeenya biyya keessatti walitti qabamu guddisuu, fayyadamummaa dargaggootaafi dubartootaa mirkaneessuu akkasumas walitti hidhamiinsa xiyyeeffannoowwan misoomaa dursi kennamuuf kan Ardii fi idil addunyaa gidduu jiru cimsuun murteessaa ta’uu xiyyeeffannoon kan kennamuuf ta’uun beekameera.

Bu’aalee marii kanarraa eegaman keessaa qindoomina tarsiimawaa fooyya’aa, jijjiirama sirna faayinaansii idil addunyaa haqa qabeessa, yaa’ii gamtaa Afriikaa kan wagga ilaalchisuun qindoomina cimaa uumuufi sirna mootummoota gamtoomanii keessatti bakka bu’ummaan Afriikaa haqa qabeessi akka jiraatuuf waamicha dhiyaatu cimsuu kan jedhan akka keessatti argaman gamtichi odeeffannoo ENA’f ergeen beeksiseera.

Dura taa’aan komishinii gamtaa Afrikaa Komiishinar Mahaammud Alii Yuusuufi Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez bu’aa marii kanaa ilaalchisuun ibsa waloo ni kennuun eegama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply