Riqicha Aadaafi Aartii: Itoophiyaa – Faransaay

AMN PLUS – Caamsaa 05/2018

Faransaay Dhaabbataa ‘Alliyaansi’ jedhu hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu cimsu keessattuu Aadaa fi Afaan Faransaay akka babal’atuuf hojjatu Itoophiyaa dachee argama dhala namaati qabdi.

Dhaabbatichi ALI’tti bara 1899 keessa kan hundaa’e yoo ta’u waggaa 119 ol tajaajiluun umurii dheeraa dhaabbilee qaban keessaati.

Wayita sanatti hariiroo dippiloomaasiifi siyaasaa biyyoota lamaanii cimsuuf hundaa’uu kan ibsame yoo ta’u Afaan Faransaay babal’isuuf qofa osoo hin taane, barnoota ammayyaa Itoophiyaatti babal’isuuf akka riqichaatti tajaajiluus seenaan ni ibsama.

Alliyaansi Itiyoo-Firaanses Finfinnee naannawaa Birbirsa Gooroo, Daandii Charchilitti kan hojii isaa eegale yoo ta’u ammallee bakkuma seena-qabeessa kanatti argamuu irra darbee, dameen isaa inni lammaffaan ammoo magaalaa Dirree Dhawaa keessatti argama.

Bara 1928-1933’tti yeroo weerara Xaaliyaaniitti hojiin isaa addaan cite kan tures ta’u boodarra itti fufeera.

Dhaabbilee obboloota ta’an biroo irraa wanti adda isa taasisu maqaa Itoophiyaa of irraa qabaachuu isaati.

Yeroo ammaas barnoota afaanii kennuun madaallii taasisu irra darbuun wiirtuu dargaggootni Itoophiyaa aartii irratti hirmaatan kan ittiin hojii isaanii beeksisan, hojii kalaqaa isaanii uummatatti ittiin dhiyeessaniifi muuxannoo idil addunyaa ittiin qooddatan ta’uun tajaajila.

Dhaabbatichi sagantaawwan aadaa qopheessuun konseertii muuziqaa, agarsiisa fakkii fi waarii fiilmii fi tiyaatiraa qopheessuunis ni beekama.

Manni kitaabaa dhaabbaticha keessatti argamu giddu gala kitaabotni Afaan Faransaayiin barreeffaman hedduu, galteewwan dijitaalaa fi barruuwwan hedduu keessatti argamanidha.

Dhaabbatichi agarsiisa aartii garaagaraa dabalatee leenjiiwwan aartii dijitaalaafi gulaallii suur-sagalee (Visual effects) akkasumas leenjiiwwan idil addunyaa ni kenna.

Daawwattootni dhaabbata misoomni koriidarii miidhagina dabalataa ta’eefiitti argamuun, daandiiwwan ammayyaa’oo deemsa miilaaf mijataniin gara Alliyaansitti imaluun kaafteeriyaawwan boqonnaa sammuu kennan keessatti bashanannaa barruuwwan Faransaay dubbisuu fi hojiilee aartii daawwachuuf haala mijataa uumuufin maqaa biyyaa tolchuun hariiroo bara dheeraa biyyoota lameenii warreen jabeessan keessaa qabxii ijoo tokkoofi dhimmoota hariiroo biyyoota lameen waliin kahan keessaati.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply