
AMN PLUS – Caamsaa 05/2018
Jireenya baqatummaa irraa deebi’uun daa’ima ishee kaartoonii irra ciibsuun buna danfistee naannaa’uun gurguraa kan turte Aadde Maqidas Manbaree Yeroo ammaa sagantaa misooma kununsa daa’imuummaan duraatiin fayyadamtuu ta’uun rakkoo fi dhiibbaa hedduu keessaa akka bahan dubbatu.
Magaala Finfinneetti kan jalqabamee giddu galoonni tursiisa daa’immanii guddina qaamaafi sammuu daa’imanii jijjiiruu qofa osoo hin taane, bilisummaa dinagdee dubartootaa mirkaneessuufis karaa kan saaqe ta’uus ibsameera.

Seenaan qalbii namaa cabsuu kan Aadde Maqdas, jireenya baqatummaa irraa deebi’uun abdii osoo hin kutatiin daa’imaa ishee daandii irra ciibsuun hojii argatan hojjechaa turan amma garuu sagantaan misooma kununsa daa’imummaan duraa abdii dabalataa horeef jira.
Hojii argatte hanga mana nama dhuunfaarra naannaa’uun hojjechaa turu kan himan Aadde Maqdas booddee daa’ima kichuu ji’a sagalii daandiirra kaartoonii irra ciibsuun buna gurguruun jireenya hadhooftuu dhiibaa akka turan AMN Sagalee Dhalootaatti himaniiru.
Guyyaa tokko daa’ima isaanii bakkuma baratame ciibsuun osoo buna ishee naanna’aan gurguranii namoonnii wahii dhufanii akka ilaalaa turan himan.

Gaafaa guyyaa lammataas deebi’uun jireenya isaan keessa turan kan hubatan iddoon tursiisa daa’immaanii jiraachuu akka itti himan ibsaniiru.
Isaanis akkamitti fayyadamuun akka danda’amuu gaafachuun waraqaa ragaa dhaloota daa’imaafi kan talaalli ittin hordofsiisaa turan harkatti qabachuun gara Waajjira Dubartootafi Daa’immaanii Aanaatti akka imalan dubbataniiru.
Ogeeyyiin torban tokko keessatti gara iddoo jireenya isaanii deemuun haala jiru qorachuun daa’ima gara giddu gala tursiisa daa’immaanitti akka fudhatan ibsaniiru.

Sanaan dura daa’imni rakkoo jireenyaatirraa kan ka’ee jabeenya qaama gahaa kan hin horatiin daaddeefi wahillee qabattee dhaabbachaa akka hin turin ibsuun, erga giddu galichatti haammatamtee jijjiiramni akka jiru dubbatan Aadde Maqdas.
Amma garuu gara kunuunsa daa’immanii kanatti erga makamtee booda ji’a tokko keessatti Daaddeen deemuufi waa qabattee dhaabbachuu akka dandeesses ibsaniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee rakkoo hamtuu irraa akka fure kan himan Aadde Maqdas, Kantiibaa Adaanech hojii manaa guddaa isaanif hojjetaniif haa galatoomaniin turtii AMN Sagalee Dhalootaa waliin taasisaniin ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin