AMN PLUS – Caamsaa 05/2018
Hoji Raawwachiisaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa Joon Riigeyooniifi Muummeen dorgommiiwwaniifi taateewwanii Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa Maarki Haasti Istaadiyeemii Finfinneefi Adeey Ababaa daawwataniiru.
Hoggantootni kunniin daawwannaa isaanitiin bu’uuraaleen misoomaa ispoortii atileetiksii dorgommiiwwan sadarkaa idil addunyaa Itoophiyaan gara fuulduraatti qopheessuuf karoora qabduuf shoora olaanaa akka qaban hubachiisaniiru.

Keessattuu bara faranjootaa 2028 fi 2031 dorgommiiwwan Idil Addunyaa Altimeeti Shaampiyoonshippiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa wal-duraa duubaan qopheessuuf gaaffii dhiyaate bu’uureeffachuun qaama dhimmichi kallattiin ilaallatu amansiisuuf ijaarsi bu’uuraalee misoomaa hojirra jiru amansiisuuf humna qaba jedhameera.
Dorgommii Atileetiksii sadarkaa idil addunyaa ‘Addis Abeba Grand Prix’ torbanoota dura Itoophiyaan qopheessite hoggantoota olaanoo Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa kan raaje yoo tahuu sadarkaa dorgommichaa Naasaa irraa gara Warqeetti guddisuun bara dhufu haala miidhagina qabuun dabalamee akka qophaa’uu ibsamee turuun ni yaadatama.

Yeroo ammaa daawwannaan hoggansi olaanoo Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa Itoophiyaatti taasisan carraawwan dorgommii idil addunyaa qopheessu biroo gara Finfinnee fiduuf daandii saaqaan abdatameera.
Gabaasni kan Shawaangizaawu Girmaati