Miidiyaaleen Idil addunyaa daawwannaa Pirezidaantiin Firaansi Imaanu’eel Maakroon Finfinneetti taasisan ilaalchisee maal jedhan?

You are currently viewing Miidiyaaleen Idil addunyaa daawwannaa Pirezidaantiin Firaansi Imaanu’eel Maakroon Finfinneetti taasisan ilaalchisee maal jedhan?

AMN PLUS-Caamsaa 05/2018

Miidiyaaleen Idil addunyaa daawwannaa Pirezidaantiin Firaansi Imaanu’eel Maakroon har’a Itoophiyaa Finfinneetti taasisan ilaalchisee gabaasota garaagaraa hordoftoota filmaatilee miidiyaa isaaniin dhaqqabsiisaniiru.

Anaadoolun Pirezidaantichi har’a gara magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneetti imaluu eeruun Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad waliin hariiroo michoomaa fi tumsa qaban daran cimsuuf waliigaluu akkasumas dhimmoota naannawaa irratti mari’achuu beeksiseera.

Haaluma kanaan, Dooktar Abiyyi pirezidaanti Maakroon Bara 2019 as yeroo sadaffaaf Itoophiyaa daawwachuu isaani eeruun hariiroon obbolummaa biyyoota lamaanii jabaachuu kan agarsiisu ta’uu fi marii bu’a qabeessa ta’e taasisuu isaanii ibsuu kaasuun gabaaseera.

CGTN Africa”n gama isaan Pirezidaanti Maakroon Finfinnee dhaquu fi Ministira Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiyyi Ahimad waliin mariiwwan hariiroo michoomaa gama lamaanii irratti xiyyeeffatan kan taasisan ta’uu akka eegamu gabaaseera.

“India Today” gama isaan daawwannaan pirezidaantichi Finfinneetti taasisan biyya Bha Afrikaa gahee murteessummaa qabdu Itoophiyaatti tumsa gam-lamaanii damee hawaas-diinagdeen qaban cimsuuf daran barbaachisaa ta’uu beeksiseera.

POA’n ammoo Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad (PhD) Pirezidaantii Fraans Imaanu’eel Maakrooniin Masaraa Biyyaalessaattu simachuun marii hariiroo michooma gama lamaanii fi haala ittiin biyyootni lamaan caalaatti wal tumsuu danda’an irratti mari’achuu gabaaseera.

Televizhiniin Fraans TV5 Monde jedhamu gama isaan Pirezidaanti Maakroon daawwannaa Afrikaatti taasisaa jiraniin Finfinneetti imaluun isaanii hariiroo Afrikaa fi Faransaay daran cimsuuf kan fayyadu ta’uu ibseera.

Miidiyaaleen kanneen biroos hariiroo jaarraa tarkaanfachuun michooma tarsiimawaa biyyoota lamaanii boqonnaa haaraatti ceesise kana ilaalchisuun gabaasuu itti fufaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply