Yaa’iin Ministiroota Dhimma Alaa miseensota BRICS Hindiitti gaggeeffamaa jira

You are currently viewing Yaa’iin Ministiroota Dhimma Alaa miseensota BRICS Hindiitti gaggeeffamaa jira

AMN PLUS – Caamsaa 06/2018

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) yaa’ii Ministiroota Dhimma Alaa BRICS 2018 Hindii Magaalaa Niiwuu Deeliitti qophaa’e irratti hirmaataniiru.

Dooktar Geediyoon yaa’ii biyyoota miseensa BRICS mata duree ”Cimina, Kalaqa, Tumsaa fi Itti Fufiinsa Ijaaruu “ jedhuun taa’amerratti ergaa dabarsaniin sirna idil Addunyaa biyyoota hunda haqummaan tajaajilu ijaaruuf tattaaffii qindaa’aa fi hunda galeessi ariitiin hojiitti hiikamuun barbaachiisaadha jedhaniiru.

Gaagga’amni idil addunyaa amma jiruu yeroo gabaabaa keessatti yoo hin furamne dhiibbaa diinagdee, faayinaansii fi hawaasummaa hamaa kan hordofsiisu ta’uu hubachiisaniiru.

Kanaaf ammoo BRICS nageenya fi guddina misooma waliigalaa fiduuf akkasumas addunyaa haqa qabeessa fi tasgabbaa’aa taate uumuuf giddu seenummaan gahee guddaa bahachuu akka qabu dhaamuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply