AMN PLUS – Caamsaa 06/2018
Yeroo waraana Maqdalaa hambaaleen gara Ingiliiz fudhataman Itoophiyaatti har’a akka deebifaman ibsameera.
Hambaaleen waggaa 158 booda Itoophiyaatti deebi’an kunneen shurrubbaa rifeensa mootii Teewudros 2ffaa, uffataafi qubeellaa warqee (ambeera warqee) isaanii akka ta’e ibsameera.
Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Itoophiyaa Piroofeesar Ababaawu Ayyaalawu hambaaleen kunneen gara biyyaatti akka deebi’u taasifamuun isaa seenaa fi aadaa Itoophiyaa deebisuu keessaa tokko akka ta’e dubbataniiru.
Hambaaleen yeroo dheeraaf biyya alaa turan kunneen seenaa qaroomina birmadummaa bulchiinsaa Itoophiyaan durirraa qabdu kan agarsiisu ta’uus himaniiru.
Hambaaleen kunneen deebi’uun abbaa qabeenyummaa Itoophiyaafi milkaa’ina dipilomaasii biyyattii agarsiisuu keessatti iddoo guddaa akka qabus akeekameera