AMN PLUS-Caamsaa 06/2018
Boorsaan ijoolleen ykn daa’imman meeshaalee barnootaa itti qabachuun mana barumsaa deeman gahumsa qaamaa isaanii wajjiin kan wal hin madaallee yoo ta’e rakkoo fayyaa fiduu akka danda’u ibsameera.
Ulfaatinni boorsaa ijoolleen itti fayyadaman kun yoo qaama isaaniitiin wal hin madaallee ta’e guddina lafee ijoollee fi fayyaa isaanii irratti miidhaa yeroo dheeraa geessisuu akka malu ogeeyyonni ni dubbatu.
Hospitaala Ispeeshaalaayiziddii Kompireensivii Alart (Alert Comprehensive Specialized Hospital) keessatti ogeessi Ispeeshaalaayiziddii lafeefi baqaqsanii Dr. Admaasuu Tibalx boorsaa ulfaataa baachuun ijoollee irratti rakkoo fayyaa fiduu akka danda’u ibsaniiru.

Akka ogeeyyiin fayyaa ibsanitti ulfaatinni boorsaa ijoolleen baachuu qabanii, ulfaatina qaama isaanii keessaa %10 hanga %15 ol darbuu akka hin qabne gorsu.
Yeroo baay’ee ijoolleen boorsaatti meeshaalee barnootaa qabachuun KG hanga 20 tti ulfaatu baachuu akka hin qabne yoo gorfamu, ulfaatinni boorsaas KG 2-3 caaluu akka hin qabnes akeekameera.
Ijoolleenis kitaabolee baay’ee, meeshaa laaqanaa, bishaaniifi meeshaalee barnootaa bakka tokkotti ulfaatina madaala qaama isaaniitii olii baachuun rakkoo akka qabu beekanii irraa of qusachuun akka barbaachisus ibsameera.
Haaluma kanaan ijoolleen ulfaatina qaama isaanii hin maadallee yoo boorsatti baatan guddina lafee isaaniifi bakka lafeen itti walqunnamu (Disc) rakkoo uumuu akka danda’us ibsameera.

Keessattuu lafee wiirtuu dugdaa irratti dhiibbaa kan fidu ijoolleen gara tokkotti akka jallatanii guddatanifi dhukkubbi hamaaf akka saaxilaman taasisa.
Guddinni lafee ijoollee hanga umurii 25tti waan ta’eef, maatiin dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuun ijoollee isaanii miidhama lafee irraa akka baraaran Dr. Aadmaasuun dhaamaniiru.
Ijoolleenis meeshaalee barnootaf barbaachisu qofa akkaataa sagantaa isaaniitiin boorsaatti baachuu qabu malee waan qaban hundaa guyyuma guyyaan baachuu akka hin qabnes akeekameera.
Gabaasa Fireehiwoot Birhaanuu Shuumii Badhaasooti qindeesse