Itoophiyaan UN waliin imala waloo waggoota 80 sababeeffachuun Teembira Yaadannoo Addaa Ifa Taasiste

You are currently viewing Itoophiyaan UN waliin imala waloo waggoota 80 sababeeffachuun Teembira Yaadannoo Addaa Ifa Taasiste

AMN PLUS – Caamsaa 06/2018

Itoophiyaafi Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii seenaa waloo kan qaban, har’as boriis nageenyaaf dursa kennuun waloon kan jiraatan tahuun ibsameera.

Itoophiyaan hariiroo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin qabdu waggoota kurnan saddeettan darban sababeeffachuun mata duree ‘Nagaan Waliin Jiraachuu’ jedhuun wal gahii yaadanno Teembirii 4 qabu ifoomsiteetti.

Yaadannoowwan Teembirri arfan kunniin akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1945 chaartarii dhaabbata mootummoota gamtoomanii Saanfiraansiskootti gaggeeffamerratti mallatteeffamuu irraa eegalee, Koongootti humna nageenyaa hanga bobbaasuufi dachee Afrrikaatti yeroo jalqabaaf kan gaggeeffame walgahii mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessummeessuus akka dabalatu ibsameera.

Karaa waldaa poostaa addunyaa biyyoota 192’f kan raabsaman Teembarotni kunniin yeroo tokkoof qofa osoo hin taane agarsiistuu ashaaraa seenaa dhalootaaf darbu tahuun ibsameera.

Carraa kanaan Barreessaa Olaanaa UN Kabajamoo Antooniyoo Gutareez fi jila isaaniif seenaa barootaa qormaataan guutame keessatti nageenya, misoomafi mirgoota namoomaa kabachiisuuf ejjeennoo hin raafamne agarsiisaa jirtan ni dinqiisifanna.

Dhaabbatni Moootummoota Gamtoomanii biyyoota qoqqooduurra mariifi marabbaa filata.

Itoophiyaanis yeroo mara ejjeennoo akkasii qabdu ni jabeessiti.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply