AMN PLUS- Caamsaa 06/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa Joon Reejiyoon waliin dhimmoota carraa tarsiimawaa Atileetiksii ilaalchisee marii bu’a qabeessa taasisuu himan.
Itoophiyaan bara 2028 dorgommii idil addunyaa ‘Ultimate Championship’ fi bara 2031 ammoo Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa qopheessuuf gaaffii dhiyaate bu’uureffachuun Istaadiyeemiiwwan ijaaramaa jiraniifi bu’uuraalee misoomaa biroo irratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
Finfinneen tibbana dorgommiiwwan idil addunyaa sadii gahumsa olaanaan keessummeessuu fi bu’uuraalee misoomaa bakka buutota horachuuf dandeessisu babal’isuurra jiraachuu akkasumas aadaa simannaa jiraattotaa irratti ibsa bal’aa kennuufii Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa Joon Reejiyoon Finfinneen jijjiirama hunda galeessa agarsiisaa jirtuufi mootummaanis taateewwan Ispoortii addunyaalessaa gahumsaan gopheessuuf kutannoo agarsiisa dinqisiifataniiru.
Fuulduratti tumsaan hojjechuuf fedhii guutuu qabaachuus eeraniiru