AMN PLUS – Caamsaa 06/2018
Kantiibaa Adaanech ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin manneen ijaaraman 492 jiraattota 2460 ta’aniif boqonnaa kan kenne ta’uu ibsuun, keessumattuu lammiilee deggarsa barbaadan kan rakkoo hawaasummaaf saaxilaman, kaafamtoota misoomaafi kan qe’ee gaarummaatti deggarsa barbaadaniif giddu galli nyaataa dabalataa kan ijaaramee hojii eegale ta’uu isaa ibsaniiru.
Nyaanni qulqulluu fi ho’aan guyyaatti yeroo tokko giddu gala nyaataa 29 kutaa magaalaa hunda keessatti waan dhiyaatuuf, lammiileen rakkoo jireenyaaf saaxilaman nyaata barbaaduuf sababni daandiitti gadi bahan waan hin jirreef giddu galoota nyaataatti argamuun fayyadamuu akka danda’an Kantiibaa Adaanech himaniiru.

Qe’ee gaarummaa kana keessatti carraaleen hojii banaman kanneen akka giddu gala biddeena tolchuu, hodhaa huccuu, mana rifeensaafi iddoon tapha daa’immanii jiraattootaf madda boqonnaa biraa akka ta’ees ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech yeroo hunda itti gaafatamummaa hawaasummaa bahachuuf waamicha taasifamu kabajuun ijaarsa giddu galichaafi yeroo itti aanuus soorata nyaachisuuf deggarsa kan taasiseef Baankii Daasheen galateeffataniiru.