AMN PLUS – Caamsaa 07/2018
Itoophiyaa fi Itaaliin pirojektii misooma qarqara lageenii eegalchiisuuf waliigaltee deggersaa Yuuroo Miliyoona 5 waliif mallatteessaniiru.
Waliigaltichi misooma laga Qabbanaa’aaf kan oolu yoo ta’u, ijaarsi isaa gama Biiroo Miidhaginaa fi Misooma Magariisaa Magaalaa Finfinneen waggaa lama jechuunis baatiiwwan 24 keessatti ijaaramee kan xumuramu ta’a jedhameera.

Waliigalteen kun cehumsa Itoophiyaan gara diinagdee magariisaatti taasistu kallattiin kan deggeru ta’uu ibsameera.
Dabalataanis haala qabiinsa qabeenya uumamaa cimsuufi gahumsa damdamannaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ol guddisuun Ajandaa 2030 milkeessuuf galma taasifachuun kan qophaa’edha.
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee pirojektichi laggeen faalamaaf saaxilamaniifi gara laga Qabbannaatti yaa’an lama deebisanii misoomsuuf karoorfamee hojiitti kan seene ta’uu hubachiisaniiru.

Pirojekriin kun ujummoowwan dhangala’aan ittiin dhabamsiifamu diriirsuu, bo’oo bishaan roobaa, maloota Ji’oo-Injinariingiitiin qarqara laggeenii kunuunsuu, naannawa qarqara lagaa magariisa ta’e uumuun biqiltoota biyya keessaa kunuunsuu fi bakkeewwan tajaajilli hawaasummaa itti kennamu babal’isuu akka of keessaa qabu odeeffannoon Ministeera Maallaqaa irraa argame ni mul’isa.