Kitaabni “Mootummaa Ida’amuu” Afaan Arabaatti hiikame Abuu Daabiitti eebbifame

You are currently viewing Kitaabni “Mootummaa Ida’amuu” Afaan Arabaatti hiikame Abuu Daabiitti eebbifame

AMN PLUS- Caamsaa 07/2018

Kitaabni Mootummaa Ida’amuu Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’n barreeffame Afaan Arabaan maxxanee bahe Gamtaa Emireetota Arabaa magaalaa Abuu Daabiitti eebbifameera.

Sagantaa eebba kitaabichaarratti Gamtaa Emireetota Arabaatti Deetaan Ministira Dhimma Alaa Shaakboot Nahaayan Al Nahaayan fi hoggantootni olaanoo biroo argamaniiru.

Akkasumas Gamtaa Emireetota Arabaatti Ambaasaaddar Itoophiyaa Ambaasaaddar Jamaal Bakar (PhD) saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin yaadamni Mootummaa Ida’amu Itoophiyaan hojirra oolchite biyyoota ollaafi Baha Giddu Galeessaaf afaan Arabaatti hiikamuun qaqqabuun hariiroo obbolummaa biyyootaa cimsuu keessatti qooda qabaachuu ibsaniiru.

Dabalataan biyyoota, ummattootaa fi mootummoota Afaan Arabaa dubbatan hundaaf waa’ee Itoophiyaa yaadama mootummaa ida’amuun hoogganamtuu gadi fageenyaan beeksisuuf akka ta’e Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar ibsaniiru.

Sirna eebba kitaabichaarratti qondaaltonni olaanoo Gamtaa Emireetota Arabaa, miseensonni maatii mootii, dippiloomaatonni, ambaasaaddaronni, biyyoonni michuu Itoophiyaa kan Giddu Galeessa Bahaa, diyaaspooraa fi miseensonni hawaasa Itoophiyaa argamuu ragaan Abuu Daabiitti Imbaasii Itoophiyaarra argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply