Hidhata cimaa Itiyoo – Firaansii tajaajila daandii baaburaa hanga teeknoloojii dijitaalaa!

You are currently viewing Hidhata cimaa Itiyoo – Firaansii tajaajila daandii baaburaa hanga teeknoloojii dijitaalaa!

AMN PLUS – Caamsaa 07/2018

‎Michummaan Itoophiyaa fi Firaansi jaarraa tokko dura jalqabe, har’a murteessummaa hooggansaatiin ce’umsa teeknoloojiifi walooma tarsiimoon dabaalamee boqonnaa haara irratti argama.

‎Walitti dbufeenyi biyyoottanii ifatti kan eegale ALA bara 1897 Firaansi magaalaa Finfinneetti yeroo Imbaasii banattetti akka ta’e odeeffannoo ni agarsiisa.

‎Walitti dhufeenyi kun yeroo Liigiin Biyyootaa Firaansiifi Itoophiyaaf deggersa agarsiise irraa eegalee hanga jaarraa kanaatti bu’uura cimaa irra dhaabbatee jira.

‎Keessumaa ijaarsa daandii baaburaa Itiyoo – Jibuutii biyyoota lamaanuuf walitti hidhamiinsa daldalaafi aadaaf bu’uura gaarii kaa’era.

‎Waggoottan kana walitti dhufeenyi seena qabeessi kun tarsiimawaa fi waloomina hunda galeessatti ce’eera.

‎Michummaan biyyoota lamaanii kallattii haaraa kan qabate ammoo Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Onkoloolessa 2011 Faraansaayiin dawwachuun booda Pirezidaanti Firaansi Emaanu’eel Maakroon 2019 Itoophiyaa dawwachuun michummaa isaanii sadarkaa olaanaa irraan gaheera.

‎Yeroo daawwannaa kanatti waadaan Pirezidaantii Emaanu’eel Maakroon galame gara hojiitti jijjiiramuun , haaromsi Mana Amantaa kiristaanaa Laalibalaa eegalamuun haaromsi Masaraa Mootummaa biyyaalessaas milkaa’inaan raawwatameera.

Hambaaleen alattis humna galaanaa Itoophiyaan deebisanii ijaaruuf Firaansi deeggarsa teeknikaa fi leenjii kennaa jirti.

‎Inni biroo Itoophiyaatti kan hojii irra oolaa jiru waraqaan eenyummaa dijitaalaafi damee telekoomiin dorgommii bilisaa deggeruuf kubbaaniyaa teekinooloojii waliin hojjechuuf waliigaltee irra gahameera.

Deggersa mootummaa Firansitiin hojiin paarkii industirii qindoomina qonnaa waliin misoomuuf waliigaltee uumame keessaa isa tokkoodha.

‎Gaanfa Afriikaatti haala nageenyaa jiru tasgabbeessuufi Itoophiyaatti nageenya waarawaa fiduuf Firaansi walooma tarsiimawaa itti fufsiisuuf waadaa galuun ishee agarsiifameera.

‎Waliigaltee haarawaan kun Itoophiyaan rifoormii diinagdee eegalte milkaa’inaan xumuruuf humna cima akka ta’u ni eegama.

‎Walitti dhufeenyi Itoophiyaa fi Firaansi galmee seenaa keessaa bahee gara misooma qabatamaatti ce’uun fayyadamummaa waliinii bu’uura kan godhate firooma waggoottan itti aananiin daldalaa, turizimiifi ce’umsa teeknoloojiitiin milkaa’nota haaraa akka galmeessan ni eegama.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply