Aadaan marii biyyoota akka Itoophiyaatiif baay’ee barbaachisaadha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Aadaan marii biyyoota akka Itoophiyaatiif baay’ee barbaachisaadha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Caamsaa 07/2018

Ergaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

“Waggoottan darbaniif adeemsi marii biyyaalessaa akka fulduratti tarkaanfatuuf, obsaa fi naamusaa ogummaa olaanaadhaan hojjetanii boqonnaa amma irra jiru kanaan kan ga’an komishinaroota hundumaa nan galateeffadha.

Aadaan marii biyyoota akka Itoophiyaatiif baay’ee barbaachisaadha. Ijaarsi aadaa hawaasa siivikii cimaa ta’e immoo, shaakala marii walirraa hin cinnee fi wal-dhaggeeffachuu tasgabbaa’aa ta’e gaafata.

Adeemsi hanga ammaas hawaasa keenya keessatti sadarkaa hundaatti faayidaa olaanaa wal-dhaggeeffachuun qabu agarsiiseera.

Adeemsichi kallaattii biyyattii hunda keessatti ilaalchaa fi bu’aa marii Itoophiyoota harka 90 ol ta’anii kan calaqqisiise ta’eera.

Boqonnaan marii faayidaa murteessaa biyyaaf qabu kun, gara boqonnaa itti aanu kan bu’aa qabatamaa argamsiisutti yeroo ce’aa jiru kanatti, qaamolee dhimmi ilaallatu hundi nagaa, tokkummaa fi tasgabbii waaraa biyya keenyaa mirkaneessuuf ejjennoo cimaa waliinii fi karaa ijaarsaa ta’een gumaacha gochuu qabu.”

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply