Komishiniin Marii Biyyaalessaa Haga Ammaatti Maal Milkeesse?

You are currently viewing Komishiniin Marii Biyyaalessaa Haga Ammaatti Maal Milkeesse?

AMN PLUS – Caamsaa 07/2018

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannoo, akkasumas miseensonni koree dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa bakka argamanitti, Komishiniin Marii Biyyaalessaa gabaasa raawwii isaa har’a ganama dhiyeesseera.

Komishinichi hojiiwwan gurguddoo hanga ammaatti hojjetaman, qormaatilee muudatanii fi furmaatilee qormaatilee sanaaf kennaman kan dhiyeesse yoo ta’u, adeemsa marii biyyaalessaa akka karoorfametti itti fufsiisuuf gahee qaamolee dhimmi ilaallatu adda addaa irraa eegamus kaa’eera.

Milkaa’ina gurguddoo hanga ammaatti galmaa’an keessaa:

• Hirmaattota marichaa karaa hirmaachisaa fi hammataa ta’een adda baasuu.

• Hojii ajandaa adda baasuu guutuu biyyaattii keessaa dhibbeentaa 93% kan uwwiise, aanaalee 1,234 keessatti milkaa’inaan geggeeffamu.

Gama biraatiin, komishinichi qaamolee dhimmi ilaallatu gurguddoo waliin marii marsaa 22 gaggeessuun carraaqqii bal’aa taasisus, haala hin mijoofneen kan ka’e aanaalee naannoo Tigraay keessatti marii gaggeessuun akka hin danda’amne agarsiiseera.

Rakkoo kanaaf furmaata kennuuf, komishinichi bakka bu’oota naannoo Tigraay hunda irraa walitti babba’anii fi dhalattoota naannichaa kutaa biyyaattii adda addaa keessa jiran Finfinneetti walitti qabuun, sassaabbii fi adda baasuu ajandaa gaggeessuu isaa beeksiseera.

Boqonnaa marii biyyaalessaa itti aanu keessatti komishinichi hojiiwwan armaan gadii raawwachuuf kaa’eera:

• Hirmaannaa qaamolee siyaasaa cimsuu.

• Ajandaawwan marii biyyaalessaa qopheessuu.

• Gumiin (Koonfiransii) Marii Biyyaalessaa gaggeessuu.

• Bu’aa marii fi yaada furmaataa sadarkaa biyyaalessaatti irratti walii galame hojiirra oolmaaf mijeessuu.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply