Adeemsa dippiloomaasiitiin Itoophiyaan akka ulaa galaanaa argattuuf nan deeggara – Fiinlaand

You are currently viewing Adeemsa dippiloomaasiitiin Itoophiyaan akka ulaa galaanaa argattuuf nan deeggara – Fiinlaand

‎AMN PLUS- Caamsaa 07/2018

‎Fiinlaand tattaaffii Itoophiyaan gama nagaa fi dippiloomaasiin ulaa galaanaa argachuuf taasiftu kan deggertu ta’uu ibsite.

‎Koreen Dhaabbii Dhimmoota Nageenyaa fi Hariiroo Alaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa Miseensa Paarlaamaa Fiinlaand Kiimimoo Kiiljuun akkasumas Itoophiyaatti Ambaasaaddara biyyattii Ambaasaaddar Siinikaa Antilaa simachuun haasofsiiseera.

‎Marii kana irrattis haala Ji’oopolotikaa Gaanfa Afrikaa, invastimantii akkasumas cehumsa teeknoloojii irratti Itoophiyaafi Fiinlaandi hariiroo damdaneessa qaban daran cimsuu ilaalchisee mari’ataniiru.

‎Miseensi Koree Dhaabbii Dhimmoota Nageenyaafi Hariiroo Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii Itoophiyaan Baha Afrikaatti nagaa kabachiisuufi naannawichatti ammoo badhaadhina roga maraa mirkaneessuuf IGAD waliin tahuun tattaaffii taasisaa jirtu ibsuun kanas cimsitee akka itti fuftu beeksisaniiru.

‎Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf gama nagaan, qajeeltoo kennanii fudhachuu fi biyyoota naannawaa fayyadamoo haala taasisuun akkasumas waliigalteefi dippiloomaasiin hojjachuu akka qabdu miseensi Paarlaamaa Fiinlaand Kiimimoo Kiiljuun ibsaniiru.

Fiinlaand tumsa misoomaa, invastimantiifi daldalaan hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf akka hojjattu ibsaniiru.

‎Ambaasaaddar Diinaan gama isaaniin gaaffii Itoophiyaan ulaa galaanaaf qabdu dabalaa jiraachuu eeruun biyyi daandii jijjiiramaa irra jirtu kun riifoormii fudhatamee fi carraawwan invastimantii babal’isuu akkasumas nageenya biyyaalessaa mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jirtu hubachiisaniiru.

‎Ambaasaaddarri Fiinlaand Ambaasaaddar Siinikaa Antilaa gama isaaniin biyyi isaanii Itoophiyaa waliin dameewwan akka dijitaalaayizeeshinii, telekoomunikeeshinii fi anniisaa soolaariin tumsaan hojjachaa jiraachuu kaasuun kanas gara fuulduraatti cimsitee kamnitti fuftu ta’uu ibsuu isaanii odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply