Hardhas Uumaa Nu Gargaareef Galanni Haa Ta’u!
Baga Gammaddan!
Hardha oduu gammachiisaa guddaa dinagdee magaalaa keenyaa guddisuun lammiilee baay’eef balbala abdii banu qabannee dhiyaannee jirra; hojii ijaarsa Paarkii Indaastirii Galaan Gurraa milkiidhaan xumuruun Kabajamoo Ministira Muummee keenyaan eebbisiifnee jirra.
Magaalaan guddoo keenya Finfinneen, misooma paarkota indaastirii guddina tarsiimawaa magaalattii waliin qindeessuu keessatti boqonnaa haaraa banuurratti argamti.

Milkiiwwan misoomaa damee hedduun magaalaa keenya keessatti galmeeffamaa jiran sadarkaa jireenya lammiilee bu’uuraan fooyyessuu bira darbee, bifa magaalattii jijjiuruun, carraa hojii bal’aa uumuu fi hawaasa keenya caalmatti fayyadamaa taasisuu keessatti faayidaa dinagdee bakka bu’aa hin qabne galmeessisaa jiru.
Bulchiinsi magaalaa keenyaa, mootora dinagdee ijoo kan ta’an paarkiiwwan indaastirii kanneen babal’isuu, iddoowwan hojii ammayyeessuu fi deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa taasisuun gumaacha isaanii biyyaalessaa cimsuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jira.
Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa hardha eebbaaf gahee fi tajaajila guddaaf qophaa’e kun agarsiistuu gaarii murannoo keenyaati.

Paarkiin Indaastirii Galaan Guraa, lafa hektaara 93.9 irratti kan qubate yoo ta’u:
Namoota kuma 20f carraa hojii uumuu kan danda’u,
Iddoowwan oomishaa 116 kan qabu,
Mankuusaa fi bakka agarsiisa oomishaa mijatoo fi bal’aa kan qabu,
Waajjiroota 356 kan qabu,
Suuqota 248 kan qabu,
Hoteelaa fi kaafteeriyaa,
Bakka dhaabbii konkolaataa yeroo tokkotti konkolaattota 400 ol dhaabuu kan danda’u
Tiraansifoormaroota 10 fi jeenereetaroota ammayyaa kan hidhameef,
Daandii asfaaltii kiilomeetira 4 kan hojjetameef,
Liiftiiwwan namaa fi meeshaalee geejjiban 25,
Galteewwan teeknoolojii ammayyaa fi ittisa balaa abiddaa kan qabu,
Boolla bishaanii kan mataa isaa qabu,
Akkasumas giddugaloota tajaajila waliinii kan qabu yoo ta’u; isaan keessaa:
– To’annoo qulqullinaa
– Sirna calallii xuraafaa ammayyaa kan guuttameef
– Iddoowwan magariisa bal’aa fi bakka bashannanaa kan guuttameef
Dabalataanis mana turtii daaimmanii fi dirree ispoortii kan ijaarameef
Walumaagalatti paarkii indaastirii ammayyaa fi hunda-galeessadha.