AMN PLUS – Caamsaa 08/2018
Finfinnee dhahannaa onnee Itoophiyaa taatetti Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa abdii oomishtootaafi carraa hojii dargaggootaaf mijeessu har’a eebbifamuu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.
Waajjirichi Finfinnee guyyuu yoo hirribaa kaatu mul’ata haaraa qabattee barraaqa simattutti abjuun ishee dhugoomee waadaan qofa osoo hin hafin gara ijaarsaatti gedderamuu beeksiseera.
Haaluma kanaanis, samii Aqaaqii Qaallittii jalatti lafa heektaara 93.9 irratti Egereen Itoophiyaa Paarkii Indaastirii Galaan Gurraa irratti bocamuu ibseera.
Waajjirri Ministira Muummee ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaan suur-sagaleen dabarseen, paarkiin indaastirii kun ijaarsa irra darbee warraaqsa diinagdee galmoota gurguddoo sadii ofitti qabate ta’uu hubachiiseera.
Paarkichi sadarkaa oomishaalee biyya keessaa gara idil addunyaatti ol guddisuun dorgomtummaa indaastiriiwwan oomishaa dabaluun galma isaa jalqabaa ta’uu eereera.

Inni 2ffaa ammoo hudhaalee oomishtummaa cabsuu yoo ta’u, cehumsa teeknoloojii mirkaneessuun hojii sadarkaa biyyaalessaatti itti boonamu hojjachuun galma isaa 3ffaa ta’uu beeksiseera.
Galma gahiinsa mul’ata kanaaf tokko jedhee daandii kan saaqe hojiin ijaarsa marsaa jalqabaa paarkichaa xumuramee amma qophii ta’uu kaasuun, lootiin tokko warshaalee uffataa 68, kuusaawwanii fi warshaalee meeshaalee dheedhii 248 of keessaa kan qabu ta’uu ibseera.
Kunis bifa ammayyummaa fi nageenya bakka hojii wal simsiiseen ijaaramuu ibsuun kaameraawwan CCTV, Liiftiiwwan ammayyaa, maloota ittisa balaa of keessaa qabaachuun dargaggootaaf bakka hojii mijataa uumuu waajjirichi eereera.

Lootiin inni biraan ammoo kan sheediiwwan jaha (6) itti argaman yoo ta’u bakka oomisha sibiilaa, mukaa fi keemikaalaa ta’uu kaasuuun kunis waltajjii bal’aa dargaggootni leenjii teekinikaa fi ogummaan leenji’an Kuma 18 haga Kuma 20 ta’an ogummaa fi dandeettii isaanii gara qabeenyaatti itti jijjiiran ta’uu hubachiiseera.
Waajjirri Ministira Muummee ergaa isaan, kun indaastirii qofaa akka hin taane caqasuun magaalaa dargaggoon itti barachuun, biyyaa fi uummataaf gumaachu akkasumas seenaa itti hojjatan ta’uu ibseera.

Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa misooma indaastirii xixiqqaa fi giddu galeessaaf pirojektii galaa guddaa qabate ta’uu kaasuun carraa hojii qofa osoo hin taane ashaaraa imala indastiriimagaalaa Finfinnee kan jijjiiru ta’uu hubachiiseera.
Balballi abdii har’a dargaggootaaf banaames bu’uura badhaadhina Itoophiyaa gara fuulduraa ta’uu Waajjirri Ministira Muummee FDRI beeksiseera.
Malkaamuu Abbabaatiin