Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa imala diinagdee cimaa ijaaruu eegalame milkeessa – MM Abiyyi

You are currently viewing Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa imala diinagdee cimaa ijaaruu eegalame milkeessa – MM Abiyyi

AMN PLUS – Caamsaa 08/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa boqonnaan jalqabaa eebbifamuu ibsaniiru.

Dooktar Abiyyi ergaa toora miidiyaa Hawaasaa isaaniin dabarsaniin Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa imala diinagdee cimaa ijaaruuf eegalame milkeessuuf humna dabalataa tahuu hubachiisaniiru.

Paarkiin Indaastirii eebbifame imala badhaadhina biyyaa kan milkeessu tahuu ibsuun bal’inni waliigalaa Paarkichaa lafa hektaara 93.9 irra kan buufate yoo tahuu boqonnaan jalqabaa amma eebbifame lafa hektaara 43 irratti ijaaramuu ibsaniiru.

Interpiraayizota giddu galeessaafi olaanoof haala daldalaa mijeessurra darbee dargaggoota hedduuf madda carraa hojii tahuus kan hubachiisan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa humna oomishtoota biyyaa cimsuu, oomishtummaa guddisuu, dorgomtummaas dabaluun magaalaa Finfinneefis tahe biyyaaf akkasumas zoonii gaanfa Afrikaaf carraa dabalataa kan ofkeessaa qabu tahuu ibsaniiru.

Gama biroon omishaalee bakka bu’oo oomishuun oomishtootaa fi fayyadamtoota gidduutti walitti hidhamiinsa daldalaa kallattii fi saffisaa kan uumu yoo ta’u, oomishaalee gabaa alaaf dhiyeessuun biyyi sharafa alaa akka argattuuf gahee guddaa qabaachuus Dooktar Abiyyi hubachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply