AMN PLUS – Caamsaa 08/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee jalqabbii misoomaa Finfinnee miidhagsuufi jireenyaaf mijattuu taasisuurratti yaadotni fiixee lama qaban turuu ibsaniiru.
Aadde Adaanech yaadotni kunniin tokko amma dhuguma Finfinnee misoomsuun jijjiirama fiduu yaaddu kan jedhu yoo tahu, inni lammaffaa ammoo Finfinnee akka haaraatti misoomsuuf yaaluu caalaa magaalaa haaraa osoo ijaartanii yaadota jedhan tahuu kaasaniiru.
Namootni yaadota fiixee lama qaban dhiyeessan kunniin ofii isaaniif sirrii tahuu kaasuun, nutis warreen yaadama mootummaa ida’amuutiin waggoota saddeettan har’aa imala eegalle kayyoo Finfinnee maqaa ishee fakkaattu, jirattotaaf mijattuu taate uumuu qabannee hojiitti seenuun kunoo har’a waan ijaan mul’atuu lammiilee biyya keessaarra darbee addunyaan dhugaa bahu hojjechuu dandeenyaarra jechuun ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee yaada kana kan kaasan sagantaa eebba kitaaba mata dureen isaa Finfinnee akka haaraatti ‘THE REMAKING OF ADDIS ABABA’ jedhu barreessaa lammii Ingiliz pirofeesar Simoon Lii fi garee isaaniin jijjiirama magaalaa Finfinnee waggoota shanan darbaniirratti xiyyeeffachuun katabameerratti yoo tahuu kitaabichi bu’aa dadhabbii, cichoominaafi ashaaraa dhalootaa, kutannoo hojii keessatti mul’atu kan seenessu tahuu ibsaniiru.
Finfinneen nuffiifi dadhabbii malee hojjechuun fuula haaraa, hawwataafi miidhagaatti jijjiiramuu kan ibsan Aadde Adaanech osoo akkuma yaadota jalqabarra dhiyaatanii sana nutis garasitti yaada keenya lucceeffanneerra tahee har’a kun hin jiru, nutis hin dubbannu, alaa miti keessaas waa’ee Finfinnee waan katabamu akka hin jirre kaasaniiru.

Karoorri Finfinnee maqaa ishee fakkaattu, jiraattotaaf mijattuu, teessoo Gamtaa Afrikaafi dippiloomaatotaa tahuu ishee mirkaneessuu kutannoo hoggansaa, jiraattota magaalattii, ogeeyyii misoomicha keessatti kallattii garaagaraan hirmaatan akkasumas kanneen hojii humnaan nuffii, dadhabbbiifi mufii malee aadaa hojii 24/7 dhugoomsanii walitti ida’amee boca magaalattiin amma qabatte kana fiduun akka danda’ame Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee walumaagalatti kaayyoo qabnaafi waan baaneef beeknaa wal-cinaa fiduun wacii kamillee yoo jiraate lammiilee nu fakkaatan, warreen nutti amanan, nus deeggaran waliin imalli eegalle ni jalqabe malee hin xumuramnee yaadachiisuun misooma magaalaa keenyaa qalbii lammiilee alaa hawwate, bu’aa dadhabbii kumaatamootaafi ashaaraa dhalootaaf tahu kaa’uuf warreen itti cichoomuun galmaan gahan hundaaf galata guddaa qabna jedhaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin