AMN PLUS -Caamsaa 08/2018
Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa wayita gara Finfinneetti ishee balaliisu, guyyuma tokko keessa bultee akka magaalaa cehumsaatti fayaydamuuf qofa yaaddee dhufuu dubbatti.
Haa ta’u malee, samii Finfinnee balbala ta’ee miidhagina addaa Finfinnee banee itti agarsiise irraa tasumaa ija ishee qabachuu hin dandeenye.
Finfinnee keessa akkasumaan darbuun waan hin fakkaanne, bubbuleen ilaala malee jette.
Shamarreen miidhaginaa fi qulqullina akkasumas hawwatummaa Finfinneen booj’iamtee, Finfinnee daawwachuu isheen qofa ilaalcha Afrikaaf qabdu bara baraaf akka jijjiirtu taasisuu himtu kun, Oriyaanaa Findleey jedhamti.

Yeroo ammaa magaalaa Abu Daabii keessa jiraatti. Magaalota gurguddoo addunyaa irra deemtee ilaaluun, muuxannoo daawwannaa ishee irraa argatte hordoftoota isheef qooddi.
Magaalaa uumamaan qofa osoon taane surraan miidhaginaa misooma koriidarii fi qarqara lageenii akkasumas hojiilee namooma irratti hojjatamaniin alaalaa nama afeeru Finfinnee keessa dhuguma iyyuu callisan darbuun hin danda’amu jetti.
Seenaatti achi deebi’uun koloneeffatamuu dhabuu Itoophiyaa yaadachiisuun injifannoo uummata gurraacha addunyaa fi Afrikaa labsuun, burqaa qaroomina addunyaa jechuun Finfinneen ammoo Wiirtuu Aviyeeshinii guddittii jechuun ajaa’ibsiifatti.
Finfinneen magaalaa guddoo Afrikaa qofa osoo hin taane, gabaan ishee guddichi Agamsaatti (Markaatoo) giddu gala daldalaa guddicha Afrikaa ta’uu beeksifti.

Dhangaa mi’aawaa Finfinneetti buna mukuu baasee mijuu tolchuun unachaa soorattu, dhiyaana quufaa qofa osoo hin taane, haalli keessummeessitootni ittiin namaaf dhiyeessan ammoo boqonnaa qalbii ta’uu himti.
Taaksiidhaan Finfinnee keessa asii fi achi imaltee manneen amantaa Kiristaanaa fi Islaamaa daawwachuun, lammiilee biyyattii yaada garaa isaanii waaqa irra kaawwatanii kadhannaan jilbeeffatan, uumaa isaanii galateeffatan mil’attee, wal jaallachuu fi danda’uun waloon jiraachuu isaanii yaadachaa gammaddi.
Godaambaa Biyyaalessaatti goruun Luusii (Dinqinash) daawwachuun Itoophiyaan bakka argama dhala namaa jalqabaa ta’uu yaadachiisti.

Finfinnee lammata dhalatte jechuun ibsitu keessa uffata aadaa Itoophiyaanotaa uffachuun basha’aa gammachuun burraaqxi.
Dhiinaanis gara galgalaa Mana Shubbisaa fi bashannana aadaa tokkootti goruun nyaataafi dhugaatii aadaa biyyattiin gammadaa miidhagina halkanii magaalaa saffisaan guddachaa jirtuu faarsiti.
Kana hunda yoo gootu yaadannoo ishee suur-sagaleen miidhagsitee qopheessuun hordoftoota ishee Yuutuubiin daawwatan biraan gahaati.
Finfinnee keessa ooltee bubbuluu isheetti tasumaa hin gaabbine. Inumaa Miidhaginni Finfinnee ishee hawwatee ilaalcha Afrikaaf qabdu akka ishee jijjiirsise ibsite malee.

Heddumootni magaalota idil addunyaa garaa garaa irraa dhufuun miidhagina Finfinnee, hawwattumaa fi magariisummaa ishee, simboo addaa misooma koriidarii fi qarqara lageeniin gonfatte akkasumas haaromsa waggoota muraasaa as gama maraan itti jirtu aadaa simannaa keessummaa jiraattota isheen masakanii yaadannoo qalbii namaa keessaa haga bara baraatti hin baane kudhaammatanii deebi’aa, ammas deebi’anii dhufuuf waadaa gala jiru.
Akkuma Kantiibaan Magaalaa Finfinnee jedhan, “Kan Finfinnee ni eegalame malee, ammas gara fuulduraatti hedduutu jira”
Malkaamuu Abbabaatiin