AMN PLUS – Caamsaa 08/2018
Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti hojiiwwan bal’inaan ittisa lolaa irratti hojjetameen rakkoo waggootaaf isaan mudataa tureef furmaata waaraa argachuu jiraattotni magaalattii ibsaniiru.
AMN Sagaleen Dhalootaa mil’uu Kutaa Magaalaa Booleetti taasiseen, hojiiwwan misooma kooriidariifi qarqara laggeenii hojjetaman bifa magaalaa jijjiiruu qofaan osoo hin taane saaxilamummaa sodaa balaa keessa jiraachaa turan irraa isaan boqochiisuu himaniiru.
Yeroo roobni gannaa dhufu hunda sababa laggeen guutaniif sodaa fi yaaddoo cimaa keessa jiraachaa kan turan haadholiifi abbootiin AMN dubbise gaaffii bu’uuraalee misoomaa mootummaaf dhiyeessaniin furmaata waaraa argachuu dubbataniiru.
Jiraattotni kunneen, yeroo roobni roobu hunda sodaan nuufis ta’e ijoollee keenyaa irratti fidu baay’ee cimaa ture, yeroo ganni akka hin dhufne hawwinu illee tureeraa kaasuun amma garuu hojii misooma qarqara laggeenii hojjetameen nagaan rafnee akka bullu nu taasiseera jechuun ibsaniiru.
Sababa lolaa hamaatiin jiraattotni qe’ee isaanii irraa buqqaa’anii manneen barnootaa keessatti baqachuuf dirqamaa akka turan yaadachiisaniiru.

Riqichaa fi daandiiwwan yeroo lolaa kana ce’uuf rakkisaa ta’an ijraamanii qonnaan bultoonni oomisha isaanii rakkoo tokko malee kallattiin fayyadamtoota magaalichaaf dhiyeessuu danda’aniiru.
Kunis hariiroo hawaasummaa fi dinagdee naannichaa akka cimses jiraattonni ibsaniiru.
Walumaagalatti hojiiwwan misoomaa bulchiinsa magaalichaan hojjetameen nageenya, tasgabbiifi kabaja namoomaa jiraattotaaf mijatan hojjetamuun misooma namooma giddu galeessa taasifatan ta’uu isaanii agarsiisa jechuun ibsaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin