MM Abiyyi Ahimad adeemsa ijaarsa Warshaa Xaa’oo Goodee gamaggaman

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad adeemsa ijaarsa Warshaa Xaa’oo Goodee gamaggaman

AMN PLUS- Caamsaa 09/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD), abbaa qabeenyaa Aliikoo Daangootee waliin ta’uun sadarkaa ijaarsi Warshaa Xaa’oo Goodee irratti argamu daawwataniiru.

Warshaa xaa’oo waggaatti Yuuriyaa meetirik toonii miiliyoona 3 oomishu kun baatii Onkoloolessaa darbe gara hojiitti seenuu yaadachiisan.

Waggaa darbe baatii Hagayyaa keessa Piroojektii Xaa’oo Yuuriyaa jedhamu waggaan Meetirk Toonii miiliyoona 3 oomishuu danda’u hundeessuuf Giruuppii Daangotee fi qooda fudhattoota waliin waliigaltee mallatteessinee turre jedhan.

Bara kana baatii Onkololeessaa keessa ammoo ijaarsa piroojektichaa ifatti eegalchiisuun keenya ni yaadama jedhan Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Hojiin ijaarsa isaa bu”uura misoomaa oli .

Tattaaffii tarsiimowaa Ce’umsa qonnaa, birmadummaa nyaataa, guddina Indaastirii fi diinagdeen of danda’uuf taasifamu keessatti Invastimantii faayidaa olaanaa qabuudha jedhan.

Piroojektiin kun wayita xumurame dandeettii xaa’oo biyya keessatti oomishuu ni guddisa, hirkatummaa xaa’oo alaa galchuu hir’isa, qonnaan bultoota miiliyoonaatti lakkaawwaman ni tumsa jechuun ibsan.

Carraalee Invastimantii fi hojii haaraa ni uuma jedhan.

Har’a ganama Aliikoo Daangootee waliin ta’uun haala hojii isaa gamaaggamuuf Goodeetti argamnee daawwanneera jechuun eeran.

Haalli hojii naannawaa Piroojektichaatti argamu hundi jajjabeessaadha ta’uu ibsan.

Murannoo fi tumsi piroojektii faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabu kana keessatti mul’atu, haalli ijaarsaa kutaalee garaagataa pirojektichaa keessa jiru akkaataa karooraan adeemaa jiraachuu agarsiisa jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply