AMN PLUS – Caamsaa 10/2018
Gaazexeessaan Ingiliz Daani’eel Karliiy waa’ee Finfinnee yoo xiinxalu misoomni roga maraa magaalattiin hojjette addunyaaf muuxannoo guddaa tahuu qabaan dubbisaa eegala.
Misoomni Finfinneetti hojjetame magaalota lammiileef mijataa taasisuun akka danda’amu ashaaraa kaa’eera kan jedhu gaazexeessichi magaalaattiin haala kanaan misoomuu ishee keessatti kutannoon hoggansaa murteessaa akka tures xiinxaleera.
Hojii cichoomina qabuun awwaara ishee urgufattee kan misoomaan 2ffaa dhalattee Finfinneen misooma saffiisaafi qulqullinaan hojjetameen biyyaafi ardiirra darbitee rogaa maraan akka addunyaatti dorgomaa taateetti.

Kanaafis fakkaata waa’een jijjiirama Finfinnee hayyoota idil addunyaa kan raaje, qorannoos akka gaggeessan kan isaan kakaasee hojiitti jiran.
Akka fakkeenyaatti kaasuuf teessoo isaanii Ingiliz kan taasifatan hayyootniifi gaazexeessitootni waloon tahuun waa’ee Finfinnee ishee haaraa kan dhugoomu kitaaba maxxansaniiru.
Kanneen keessaa tokko kan tahe gaazexeessaan Ingiliz Daani’eel Karliiy Finfinneen waggoota muraasa keessatti saffisaafi qulqullinaan misoomuun har’a toora magaalota addunyaa daawwatamuuf qalbii namaa booji’aa jiran keessaa tokko tahuu danda’uu ishee dhugoomuun magaalaa saffiisa olaanaan jijjiiramte jechuun ibseera.
Akka ibsa gaazexeessaa Daani’eelitti jijjiirama Finfinnee amma qabatamaan mul’atu duuba hoggansi karooraan hojjetu, mul’ata kutannoon dabaalame qabu jiraachuun Finfinneen har’a qofaaf osoo hin taane dhaloota itti aanuuf akkaataa darbuun misoomteetti.
Finfinneen misoomaan 2ffaa dhalatte kan jedhu gaazexeessaan Ingiliz Daani’eel Karliiy, magaalattiin hanguma jijjiiruuf itti dadhabame dhugoomtee, ija guuttee, simboo uffatte akkuma magaalota idil addunyaa warreen biroo dorgomtuu tahuu ishee akeekera.

Dabalataanis gaazexeessaa Daani’eel magaalattiin roga maraan saffiisaan jijjiiramuu ibsuun hoggantootni biyyoota Afrikaa fagoo osoo hin deemiin akkamitti magaalota isaanii jiraattotaaf mijeessuu akka danda’an Finfinneerraa muuxannoo qooddachuun akka irra jiraatuu hubachiisuun yaada isaa gudunfeera.
Iddoosaa Abdiitiin