
AMN PLUS- Caamsaa 10/2018
“Hin kadhatinaa, koottaa waan qophaa’erraa fayyadamaa” jechuun, daandii irratti ba’anii kadhachuu wajjin ulaagaa kamiinuu wal bira qabamee ilaalamuu hin danda’u jedha ibsi Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee baase.
Kadhannaa jajjabeessuun ilaalcha qofa osoo hin taane, akkaataa guddinaas kan ibsu yoo ta’e malee hiika biraa hin qabu jedha.
“Keessattuu yeroo ammaa kana, addunyaa guututti qaala’iinsi jireenyaa yeroo baay’ee hammaatee jiru kanatti; addunyaa kamiyyuu irratti wanti hunduu guutuu ta’ee hin beeku. Kun dhugaa nuti hundi keessa jiraannuudha” jedha ibsi kun.
Magaalaa Finfinnee keessatti kanaan dura sagantaan soorataa tokkoyyuu osoo hin jiraatin, har’a wiirtuuwwan soorataa 29 banuun namoota humna hin qabne guyyaa guyyaadhaan nyaachisuun, nama rakkoo dhugaa uummataa hubatu biratti jajjabeeffamuu malee, gocha salphifamuu qabu miti jechuun Waajjirichi ibseera.
Maanguddoota rakkoo hawaasummaatiif saaxilaman, kan isaan gargaaruu fi gaafatu hin qabneen, “Daandii irratti kadhachuu irra, koottaa wiirtuuwwan qophaa’an keessaa nyaata ga’aa, qulqulluu fi ho’aa jiru, kabajaan nyaadhaa” jechuun qaanii miti.
Gara biraatiin, wanti qaanii ta’u, namoota rakkoo hawaasummaatiif saaxilamaniif rakkoo tokko illee furanii ykn gargaaranii namootni hin beekne, “Wiirtuu nyaataa irra nyaachuu mannaa daandiitti ba’aa kadhadhaa” jechuun daldala siyaasaatiif itti fayyadamuu isaaniiti.
Wanti hirdhates yoo jiraate, “Maalan gargaara? Ani kanaan gargaaruu danda’a” jechuun firaa fi lammiif yaaduu ta’uu qaba ture jedheera.
Sammuu fayyaalessa qabaachuun gaariidha kan jedhu Waajjirichi, namummaa irraa gadi bu’uun kan jalqabu yeroo namoota rakkatan irratti qoosuun jalqabamudha jechuun addeesse.
Yoo qoosanis itti hin murtaawu. Isaan irra caalaan biyya hambaa jiru; namoonni rakkoo hawaasummaatiif saaxilaman eessa akka jiran, akkamitti bulanii akka bari’uuf eessaa beeku ree!
“Sagantaa kana deggeruun nu wajjin hiyyeessa nyaachisaa warri jirtan abbootii qabeenyaa hundi, Uumaan isin haa ebbisu!” jechuun Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee galateeffateera.
Giddugalootni Soorataa 29 bakka itti argaman kunooti