Baadiyyummaarraa gara magaalummaatti – Galaan Gurraa

You are currently viewing Baadiyyummaarraa gara magaalummaatti – Galaan Gurraa

AMN PLUS – Caamsaa 10/2018

Magaalaan Qonnaan Bulaa hammattee waliin guddattu Finfinneen har’as qe’een qonnaan bultoota Galaan Gurraa kaleessa baadiyyaa ture har’a magaalummaatti jijjiirteetti

Sababni jijjiirama kana hundaa, hoggansa waadaa gochaan agarsiisu, ogeeyyii sektara garaagaraan hojjetan, hojjettoota humnaa aadaa hojii 24/7’n itti wal jijjiiruun nuffii, dadhabbiifi mufii malee hojjetan dabalata hawaasa naannawicha jiraatu haala mijataa uumes of-keessaa qaba.

Simboo Galaan Gurraa humna baadiyummaa gara magaalummaatti jijjiiruu kan tahe ammoo Paarkii Indaastirii Galaan Gurraa moggaasa maqaa isaarraa eegalee bifa qalbii sammuu namaa hawwatuun ijaarameedha.

Paarkichi dargaggoota kutannoon hojjetanii jijjiiramuun maatii, naannoofi biyya isaanii jijjiiruuf mul’ata qabaniif madda carraa hojiiti. Carraa hojii kallattii namoota kuma 20f uuma.

Hawaasa naannawichaa jireenya baadiyummaarraa gara magaalummaatti tarkaanfachiiseera.

Kun imala badhaadhina biyyaa mirkaneessuu yoo tahu kahumsa ce’umsa koriidarii baadiyyaa tahees fudhatamuun hojiilee bakkeewwan birootti gara fuulduraa hojiitti hiikamuuf jiraniif yaalii jalqabaa milkaa’e yoo jedhamees ragaan lafa jiru ofiin dhugaa baha.

Galaan Gurraa akkuma maqaa isaa misoomaan gurra godhateera.

Paarkiin Indaastirii Galaan Gurraa guddina dinagdee biyyaa 10.2% akka guddatu eegamu keessaa shoora guddaa yoo qabatuu harki hojjetu jiraanaan imalli badhaadhina biyyaa akka milkaa’uuf kun boqonnaa tokko tahuu wal nama hin gaafachiisu.

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) yeroo Paarkii Indaastirii Galaan Gurraa eebbisan akka jedhanitti waadaa gochaan agarsiisuun imala badhaadhinaa biyyaa mirkaneessuun kan danda’amu oduun osoo hin taane qabatamaan, tahanii argamuun akka tahe hunduu yoo hubate waanti hin jijjiiramne akka hin jirre ergaa dabarsan keessatti kaasaniiru.

Hojiin eessattiyyuu hojjetamu dursa hawaasa naannawichaa giddu galeessa kan taasifatu tahus kan eeran Dooktar Abiyyi misoomni qonnaan bulaa dhiibee Paarkii Indaastirii babal’isuu akka hin jirrees dubbachuun misoomaafi hawaasa naannawaa pirojektootni itti hojjetaman jiraatanii walitti araarsuun waadaa gochaan agarsiisaa lammiileen biyyaattis roga maraan akka irraa fayyadaman taasisaa deemuun akka qaama karoora hojiilee misoomaa mootummaa tahee hubachiisaniiru.

Haala waliigalaan kutannnoofi cichoominaan kan hojiitti hiikame Galaan Gurraa yeroo gabaabaa keessatti baadiyyummaarraa gara magaalummaatti ce’uun mudhiin Finfinnee fakkaatee eebbifameera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply