Galaan Gurraa ashaaraa badhaadhinaa magaalaa keenyaati – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Galaan Gurraa ashaaraa badhaadhinaa magaalaa keenyaati – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Caamsaa 10/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Galaan Gurraa ashaaraa badhaadhinaa tahuu hubachiisuun imalli badhaadhinaa magaalatti magaalaa gidduu misoomsuun qofa akka hin taane ibsan.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin qabeenya naannawaa keenyaa kaleessa haalaan itti hin fayyadamiin gara faayidaaf oolchuutti deebisuuf iji misoomaa keenya banamuun Finfinnee giddu gala misoomaafi guddina waa maraa taasisuu akka dabalatu ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech waggoota 5 dura, bu’uura misoomaa kan hin mul’atne naannawaan Galaan Gurraa, har’a garuu boqonnaan seenaa isaa jijjiiramee wiirtuu diinagdee fi hawaasummaa olka’iinsaa fi cehumsa caasaa roga maraa magaalichaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

“Ashaaraan bakka kana kaa’ame paarkii indaastirii qofaa osoo hin taane, jireenya jiraattotaa fi bifa naannawichaa guutummatti kan jijjiireedha” jechuunis Kantiibaa Adaanech hubachiisaniiru.

Akka fakeenyaattis Finfinneetti isa jalqabaa kan ta’e riqichi ammayyaa guddichi meetira 325 dheeratuu fi meetira 60 bal’atu hojjatamuu kaasaniiru.

Bu’uurri misoomaa Daandii Kiiloo meetira 21.73 dheeratu (Qubeelaa Qaallittii haga Tulluu Diimtuu fi Qubeelaa Qaallittii haga Addabaabaayii Qiliinxoo) tti hojjatame koriidarii daldalaa si’ataa fi Kaargoo Buufata Xiyyaaraa waliin wal quunnamsiisu isa biraa akka ta’ee eeraniiru.

Kantiibaa Adaanech, Ijaarsi manneen waliin jireenyaa Kuma 60 akkuma magaalaa haaraa ijaaruutti ilaalamuufi rakkoo dhiyeessii manaa magaalichaa salphisu pirojektii kana keessatti hammatamuu ibsaniiru.

Dabalataanis mandarri mijataa fi ammayaa ta’e jiraattota sababaa misooma Kaasaanchisiin ka’aniif hojjatame kan Galaan Gurraatti argamu ta’uu kaasaniiru.

Ijaarsi Hospitaala Tiraawumaa Galaanis bakka kanatti adeemsifamuu eeruun kunis hospitaala guddicha magaalichaa ta’uu fi fayyaa hawaasaa sadarkaa olaanaatti eeguuf gahee qabaachuu hubachiisaniiru.

Ijaarsi Wiirtuu leenjii qonnaan bultoota misooma kanaaf lafa isaanii gadi lakkisaniif hojjatamus Galaan Gurraatti kan argamu ta’uu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Paarkiiwwaniifi bakkeewwan magariisaa bal’ina qabaniifi qalbii namaa haaressan dabalatee bakkeewwan ispoortii itti hojjatan, daa’imman itti taphatanii fi haadholiif carraa hojii bal’aa kan banu warshaan buddeenii fi ashaaraawwan badhaadhinaa biroo, naannawicha giddu galeessa magaalaa irra filatamaa kan taasisan ta’uu Kantiibaa Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply