AMN PLUS – Caamsaa 10/2018
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa irra caalaa naannolee biyyattiitti filannoo gaggeessuuf haalli mijataan jiraachuu ibseera.
Haala nageenyaa naannolee filannoon waliigalaa keessatti gaggeeffamu ilaalchisee gareen hojiifi hordoffiif boordiin filannoo biyyaalessaa bobbaase gabaasa dhiyeessen filannoo gaggeessuuf haalli mijataan jiraachuu ibseera.
Haata’u malee ammallee iddoowwan xiyyeeffannoo barbaadan tokko tokko akka jiran gabaasa dhiyaateen kan eerame yoo tahu irra caalaa kutaalee biyyattiitti filannoo gaggeessuuf haalli mijataan jiraachuu ibseera.
Gareen hordoffii kun haala nageenyaa dabalatee, paartileen naannolee adda addaa keessatti bilisaan socho’anii hojii isaanii hojjechuun walqabatee haala jiru madaalera.

Gabaasa dhiyaate hordofee Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaatwarqi Hayiluu kallattii gara fuula duraa kaa’aniin hudhaalee nageenyaafi caasaa akkasumas tarkaanfiiwwan sirreeffamaa fudhatamuu qaban irratti akka mari’atamu xiyyeeffannoo kennaniiru.
Boordiin Filannoo Biyyoolessa Itoophiyaa haala nageenyaa naannolee filannoon keessatti gaggeeffamu ilaalchisee naannolee, bulchiinsota magaalaa, paartilee siyaasaafi qaama dhimmi ilaallatu biroo waliin marii gaggeessaa turuun isaa ni yaadatama.