
AMN PLUS – Caamsaa 10/2018
Barruun ‘Businness Traveller’ waa’ee jijjiirama Finfinnee yoo xiinxalu magaalattiin waa maraan gara fuulduraatti imalaa jiraachuu ka’umsa isaa taasifachuun katabeera.
Barruun beekamaa idil-addunyaa “Business Traveller” jedhamu turtii Itti Aanaa Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Addis Miidiyaa Neetwoorki Obbo Zaman Junaddiin Abubakar waliin taasiseen misooma hunda galeessa Magaalaa Finfinneetti adeemsifama jiru bu’uureffachuun yaada argateen
hojiin misoomaa Magaalaa Finfinnee kan yeroo kamiyyuu caalaa bifa haaraa fi ammayyaa ta’een ijaaramaa kan jiruufi haala waliigalaa jireenya jiraattota magaalaa fooyyessaa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Magaalaaan Finfinnee kanaan dura dhiphina daandiiwwan irraa kan ka’e konkolaataan karaa walitti cufuun dhaabbachaa ooluun seenaa tahuun amma hojii misooma koriidariitiin daandiiwwan babal’aan iddoo magariisaa waliin misoomuun gara magaalaa sadarkaa addunyaatti jijjiiramaa akka jirtus kaasaniiru.

Ijaarsi pirojektiiwwan bu’uuraalee misoomaa qofa irratti kan xiyyeeffate osoo hin taane, haqa hawaasummaa giddu galeessa taasifachuun misooma nama irratti xiyyeeffate ta’uu kan eeran Obbo Zaman, pirojektiin misooma koriidarii daandiiwwan Finfinnee ammayyeessuun sochii daldalaa magaalattiifis haala mijataa kan uume ta’uus himaniiru.
Misoomni qarqara laggeen Magaalaa Finfinneetti hojjetaman iddoowwan duraan kuusaa balfaa ta’uun magaalaa xureessan misoomsuun gara iddoowwan hawwataa turistootaa fi bakka aara galfii jiraattotaatti jijjiiramuu isaa dubbataniiru.
Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa fi giddu gala dippilomaasii akkuma taate, bu’uuraalee misooma magaalaa diriirsuun hojii guddaa hojjechaa jirtu kana cimsitee itti fufuun giddu gala sochii idil addunyaa taasisaa jirtu kanaas cimsuu akka qabdu Obbo Zaman dhaamaniiru.

Paarkiiwwan, bakka bashannanaa fi iddoowwan ispoortii Magaalaa Finfinneetti hojjetaman jiraattota rakkoofi hanqina keessa turan gara iddoo jireenyaa qulqulluu fi fayya qabeessaatti jijjiiruudhaan jireenya kabaja namaaf malu jiraachuuf kan dandeessisan pirojektoota misoomaa guuttachuufi ammallee itti fuftee jiraachuu Obbo Zaman xiinxala isaanii barruu ‘Business Traveller’ waliin taasiisan keessatti ibsaniiru.
Imalli Finfinneen gara magaalaa ammayyummatti taasisaa jirtu jiraattota haala fayyaduufi hundumaa haala hammateen ta’uu isaa Obbo Zaman Junaddiin Itti Aanaa Hoji Raawwachiisaa Olaanaa AMN Sagalee Dhalootaa caqasuu isaanii marsariitiin “Business Traveller” dubbisiisera.
Shuumii Badhaasootiin