AMN PLUS – Caamsaa 10/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Foramii Magaalota Addunyaa, Azarbaajaan magaalaa Baakuutti qophaa’e irratti hirmaachaa jiru.
Aadde Adaanech Foramii Magaalota Addunyaa 13ffaa irratti hirmaachaa kan jiran yoo tahuu foramichi mata duree ‘Manni Hundumaaf, Hawaasaafi Magaalota Waa Mara Guuttataniifi Nageenyi Isaanii Eegame’ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Rakkoo dhiyeessii mana jireenyaa addunyaalessaa furuu, misooma magaalaa itti fufiinsa qabu, magaalaa waan hunda guuttatteefi haala mijataa qabdu, haala qilleensaa jireenyaaf mijataa uumuu, magaalaa deebisan misoomsuufi dhiyeessii mana jireenyaa gatii madaalawaan kanneen jedhan akka xiyyeeffannoo argatan ibsameera.

Dabalataan sagantaan muuxannoo wal jijjiirraafi daawwannaan garaagaraas qaama foramichaa akka tahe ibsameera.
Jilichi mariifi daawwannaa garaagaraa taasisuun dabalata haala waliigalaa biyyaafi Finfinnee kan beeksisu yoo tahuu Eksiippoo tumsa mootummaafi abbootii qabeenyaa dhuunfaan baname irratti kallattii hundaan dhugaa Itoophiyaa ibsuuf carraaqqii taasisuun ibsameera.