AMN PLUS- Caamsaa 11/2018
Jilli Itoophiyaa Foramii Magaalota Addunyaa Irratti Hirmaataa Jiru Magaalaa Guddoo Azarbaajaan, Baakuu daawwate.
Hojiilee misooma magaalaa naannolee biyyattii hundatti eegalame itti fufsiisuuf akkasumas haaromsaa fi eegumsa hambaalee cimsanii itti fufuuf daawwannichi faayida qabeessa ta’uu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, adeemsi haaromsa ajaa’ibsiisaa magaalaa Baakuutti argan Itoophiyaan yeroo ammaa seenaa fi hambaalee eeguun haaromsuuf akkasumas bakkeewwan jireenyaaf mijatoo hin taane bifa haaraan ijaaruun hojiilee Finfinneen hojjachaa jirtu kan calaqqisiisu ta’uu kaasaniiru.

Azarbaajaan “Magaalaa Durii” (The Old City) jedhamuun beekamu Baakuu eeggannoon haaromsitee daawwannaaf banaa kan taasiste ta’uu kan eeran Kantiibaa Adaanech, gama biraan ammoo “Magaalaa Gurraattii” (The Black City) jedhamuun waamamu magaalaa dulloome fi jireenyaaf mijataa hin taane waggoota 30 darbanitti haaromsuun akka haaraatti ijaaruun, magaalaa miidhagduu fi haaraa taate, “Magaalaa Adii” (White City-Baku) jedhamtu qabatamaan ijaaranii agarsiisuu danda’uu ibsaniiru.
Jijjiiramni Magaalaa Baakuu kunis yeroo ammaa mul’ata haaromsa magaalaa Itoophiyaatti hojii irra oolaa jiruun kan wal fakkaatu ta’uu hubachiisaniiru.
Itoophiyaanis seenaa fi hambaalee dhaloota dhufutti dabarsuuf gamoowwan durii bakkeewwan ijoo Finfinnee kanneen akka Piyaassaa (Birbirsa Gooroo) fi Araat Kiiloo (Tulluu Daalattii)tti argaman, mana siinimaa jalqabaa, mana qopheessaa jalqabaa, masaraa biyyaalessaa akkasumas siidaawwan garaa garaa haala milkaa’aa ta’een haaromsuu Kantiibaan yaadachiisaniiru.

Kana irra darbees Gamoon Jagool Hararitti argamu, Masaraa Abbaa Jifaar, Bataskaana Laalibalaa fi Masaraa Faasilidas akkasumas hambaalee biyyaalessaa gurguddoo kanneen biroo hojiin haaromsuu xiyyeeffannoo olaanaan hojjatamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Hojii kunuunsa hambaa mandaroota jireenyaaf mijatoo hin taane diiguun haala ammayyaa fi mijataa ta’een irra deebiin ijaaramaa akka jiran Kantiibaan Adaanech ibsaniiru.
Keessumaa magaalaa Finfinnee fi kanneen birootti dhiyeenyatti bal’inaan hojii irra kan oole pirojektiin misooma koriidarii agarsiistuu galma magaalaa haaromsuu fi miidhagsuuf qabamee ta’uu hubachiisaniiru.

Hojiin kun jiraattota Finfinneef mijataa, hawwataa, magariisaa fi ammayyaawaa taasisuu kan danda’e yoo ta’u, Bu’uuraalee misoomaa daandii babal’isuuf, daandiiwwan imala miilaa fi biskileetiif mijatoo ta’an uumuuf akkasumas bifa magaalattii jijjiiruuf hojiin hojjatame jajjabeessaa fi bu’aan qabatamaa kan itti argame ta’uu Kantiibaan Adaanech ergaa isaaniin kaasaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee daawwannaan Baakuutti taasifame hojiilee misooma magaalaa naannolee biyyattii hundumaatti eegalame, hojiileen eegumsaa fi kunuunsa akkasumas haaromsa hambaalee daran cimee haala qindaa’aa ta’een akka itti fufuuf muuxannoon faayida-qabeessa kan irraa argame ta’uu mirkaneessaniiru.