AMN PLUS – Caamsaa 11/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee magaalaan waadaan gochaan keessatti mul’ate Finfinneen hin jijjiiramtu jedhamte kunoo jijjiiramtee jiraattota isheefis tahe hawaasa Idil Addunyaaf hawwattuu taateetti jedhan.
Aadde Adaanech karoorri Finfinnee maqaashee fakkaattu uumuu dhugoomuu ibsuun kunis waadaa gochaan agarsiisuu keessatti mootummaan uummata waliin, uummatnis mootummaa waliin jiraachuu akka agarsiisu ibsaniiru.

Kanneen Finfinneen hin jijjiiramtu jedhan amanan akka turan kaasuun kan amma jirtu misoomsuuf yaaluu caalaa magaalaa haaraa yoo ijaartan wayya” jedhanii kanneen nu gorsan, cal’uma jettanii itti hin dadhabiinaa kanneen nuun jedhan turaniiru kaasuun ammoo mul’ata misooma Finfinnee dhugoomsuu qabanneen milkoofnerraa eeraniiru.
“Finfinnee akka maqaa ishee haaraa fi ilillii taasisna” jennee waadaa uummata keenyaaf seenne gochaan agarsiisnee, qormaata keessa darbuun kan itti cichine kudhaama cichoomina keenyaa ta’uun ba’anii mul’tanii jiru” jechuun Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Kitaabni jijjiirama waggoota shan keessatti Finfinneen galmeessite seenessu hayyoota Finfinneerraa fagoo jiran, garuu ammoo jijjiirama saffiisaafi qulqullina qabu magaalattiin yeroo gabaabaa keessatti galmeessite taajjabaniin katabamuu kan ibsan Kantiibaa Adaanech qubeewwanii fi lakkoofsotni kitaabicha keessatti maxxanfaman seenaawwan jijjiirama Finfinnee cal’isa keessatti dubbatan ta’uu hubachiisaniiru.

Fuulli tokkoon tokkoo isaa hawwii qofa osoo hin taane, hawwii sana gochaa qabatamaan mul’isuuf ifaajjii taasifne fi bu’aa argame kan yaadachiisudha” jechuun Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsuu isaanii ragaaleen kitaabicha hordofuun tibbana bahaa jiran ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin