Finfinneefi Shaggar nageenya eegsisuuf akka qaama tokkootti socho’u – Aadde Liidiyaa Girmaa

AMN PLUS – Caamsaa 11/2018

Finfinneefi Shaggar nageenya eegsisuuf akka qaama tokkootti socho’u jedhan Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa.

Aadde Liidiyaan kana kan jedhan gamaaggama raawwii hojii qindoominaa ji’oottan saglan darbanii Finfinneefi Shaggariin hojjetame irratti yoo tahuu hojii akka qaama tokkootti socho’uun bifa wal dubbiseen hojjetameen hangi yakka galmaa’uu akka hir’atuuf gumaacheera kaasaniiru.

Waggoottan afran darban karoora waloo baafachuun al-seerummaa ittisuufi nageenya waaressuuf hojiin hojjetame bu’aa qabatamaa agarsiisuu waltajjicharratti kan dubbatan Aadde Liidiyaan, raayyaan nageenyaafi gaachanni sirnaa magaalota lameenitti gurmeeffaman uummata abbaa nageenyaa taasisuu dubbataniiru.

Gochaawwan seeraan alaa waloon ittisuuf carraaqqiin taasifamaa tures hanga yakkaa galmaa’u akkaan gadi buusuu dandeessisees ibsaniiru.

Daldala seeraan alaa ittisuuf qindoominaan hojiin hojjetame milkaa’ina biroo waloon hojjechuu dhaabbilee nageenyaa magaalota lameenii ta’uus eerun taateewwan gurguddoo sadarkaa garaagaraa magaalotni lameen keessummeessanis tasgabbii guutuun geggeeffamuu Aadde Liidiyaan hubachiisaniiru.

Kantiibaa Itti Aanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggariifi Itti Gaafatamaan Damee Dinagdee Magaalichaa Obbo Guyyoo Galgaloo gama isaaniin magaalotni lameen nagaa guutuu qabatanii waliin guddachuuf hojiin hojjetamaa jiru milkaa’ina guddaa tahuu dubbachuun bu’aa argameef tumsi hawaasa magaalota Shaggariifi Finfinnee olaanaa ta’uus yaadachiisaniiru.

Hoggantootni kunniin waltajjii gamaaggama raawwii hojii waloon gaggeessanirratti filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa geggeeffamuuf jedhu nageenyi isaa kan eegame akka ta’uuf qindoomina jabaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Gabaasni kan Bulchaa Nagaraati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply