AMN PLUS – Caamsaa 11/2018
Veroonikaa Raafaa’el jedhamti. Modeelistii Biyya Rippablika Giddu Galeessaa Koongooti.
Gara Finfinnee kan dhufte dorgommii miidhaginaa irratti hirmaachuuf ture. Haa ta’u malee, “jaalalli ishee qabe tasumaa biyya isheetti akka hin deebine jabeessee ishee dhorkaa jira. Jaalalli Finfinnee na qabe asumatti na hambisuufi” jetti.
Jaalalli Finfinnee ishee qabee asitti ishee hambisuun waanuma sirrii fakkaata.
Namootni bebbeekamoo fi dhageettii olaanaa sadarkaa idil addunyaatti horatan Finfinnee dhufanii miidhaga isheen booji’amanii, irra deebiin dhufuuf waadaa seenanii deeman hedduu ta’anis, dorgommiif dhufanii asumatti hafuun narraa eegala waan jette fakkaatti modeelist Veroonikaan turtii AMN waliin taasisteen.

Keessummaa qophii bashannanaa AMN tahuun taphachaa Finfinnee mil’achaa bakkeewwan misooma koriidarii fi qarqara lageenii magaalattii simboo dabalataa gonfatan qalbii ishee booji’uus himteetti.
Dandeettiin dubbii Afaan Amaaraa ishee adduma, kanuma asitti dhalattee guddatte malee bakka biraa irraa dhufte hin fakkaattu. Afaanota biyya ishee fi alaa kan akka Afaan Ingiliffaa, Fireenchii fi Iswaahilii bareechitee dubbatti. Maatii isheef mucaa tokkittii kan taate Veroonikaan modeelummaaf fedhii olaanaa qabduun ofuma ishee of barsiiste.
Paarkii araadaa keessa basha’aa seenaa ishee irraa qoodaa shubbisaa fi bohaaraa kan gaazexessituu AMN waliin mil’uu ishee itti fufte Veroonikaan gabaa guddicha Afrikaa Markaatoo (Agamsaa) keessa asii fi ach marmaaraa dukkaanota uffata aadaa fi faaya garaa garaa daawwatti.

Modeelsitiin sabboomummaan Afrikaanummaa irraa mul’atu bobbocootni gurguraman tokko tokko kauma biyya isheen wal fakkaachuu kaasuun yaadannoon Koongootti imalti.
Wayita Finfinnee keessa imaltu miidhaga isheen hawwatamuu, hawwata turistii ta’uu magaalattii kaasuun shubbisootni aadaa Itoophiyaa mul’isan ammoo caalaatti kan ishee hawwatan ta’uu dubbatti.
Shiroomeedaa (Muujjaa) tti imaluun sirba aadaan shubbisaa, uffata harkaan hojjataman yoo daawwattu gaazexessituun AMN ammoo huccuuwwan aadaa Itoophiyaa kan addunyaa irra adda ta’uu fi haala addaan kan hojjataman ta’uu fi ogummaan kan faayaman ta’uu ibsitiif.

Paarkii Ispoortii Finfinneetti imalanii siidaawwan atileetota Itoophiyaa alaabaan biyyaa ol jedhee sadarkaa idil addunyaatti akka mirmiru taasisan bira dhaabbatanii seenaa fi gootummaa isaanii qooddachuun ajaa’ibsiifatu.
Barattuu Hariiroo Idil Addunyaa fi Modeelistiiin Koongoo miidhaginaa fi hawwatummaa Finfinneen booji’amte kun ammatti yaada gara biyya isheetti deebi’uu dhiisteetti.

Asumatti beeksisaa fi modeelingii hojjachuun jiraattuu Finfinnee ta’uun waan qalbii ishee keessa jirus fakkaatti Modeelistiin Koongoo kun.
Waa maraafuu Finfinneen qalbii hawaasa idil addunyaa hawwachuu itti fufte, gama hundumaanuu magaalaa jaalalaa, simannaa gaarii fi qalbiin itti boqotu yoo taatu arguun hedduu nama boonsa.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e