AMN PLUS – Caamsaa 11/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Foramii Magaalota Addunyaa Baakuutti gaggeeffamaa jiruun cinatti tajaajila diijitaalaa iddoo tokkoo Azarbaajaan ASAN daawwachuu himan.
Aadde Adaanech miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, “Hirmaannaa Foramii Magaalota Addunyaa cinaatti, tajaajila dijiitaalaa iddoo tokkoo salphaa Azerbaajaan ASAN (Azerbaijan Service and Assessment Network) daawwannee jirra” jedhan.

Finfinneen hanga ammaatti tajaajila iddoo tokkoo dijiitaalaa ‘Masoob’ eegaluun jijjiirama guddaa fiddus, dhimmoota ammas muuxannoo ta’uu danda’an irratti mari’achuu Aadde Adaanech ibsaniiru.
ASAN kan waggoota 14 dura jalqabame fi guyyaatti appilikeeshinii kuma 40 irratti tajaajila ariifachiisaa kan kennu yoo ta’u, awutoobisii socho’aadhaan haga baadiyyaa tajaajila ariifataa fi salphaa ta’ee kennaa jiraachuus himan.
Biyya keenya Itoophiyaattis wiirtuulee 41 ol ijaarree hojii kan jalqabne yoo ta’u, kanneen keessaa Finfinneetti wiirtuulee 6 fi atobisiin socho’aa tajaajila dijiitaalaa iddoo tokkoo kennan jiraachuu yaadachiisan.

Hojjattoonni ASAN yeroo tajaajila kennan faara tolaa fi kabajni kennan madaallii tajaajilaa ta’uu isaa, kaameeraaleen hordoffii kan dhaabaman ta’uu fi hojjataan haala gaariidhaan tajaajilu madaalamee itti quufiinsi tajaajilamaa ol’aanaa yoo ta’e, mindaadhaan alatti boonasiin akka kaffalamuuf argineerra jedhan.
Namni ulaagaa jiruun tajaajila hin kennine battalumatti hojiidhaa gaggeeffama. Abdii boruutiif guddatanii uummata isaanii tajaajiluuf dargaggoota tola ooltota baay’ee kutannoo fi kabaja guddaan tajaajilanis argineerra jedhaniiru.

“Birookraasiin keenyas haala jalqabameen guutummaatti akka jijjiiramu ni amanna. Akka milkaa’ufis jabaannee ni hojjanna” jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebeen.