AMN PLUS – Caamsaa 11/2018
Finfinneen kanaan dura bakka itti kosii gataniifi ijaan arguuf kan namatti hin tolle akkasuma foolii badaa nama jeequ qabaachaa turte amma misoomuu fi qulqulluu ta’uun jiraattotaaf mijaa’ina uumuu barreessitootni kitaaba “Finfinnee Bifa Haaraa” (The Remark of Addis Ababa) ibsaniiru.
Barreessitoota guddina saffisaa Finfinnee taajjabuun barreessan keessaa Dhalataa Itoophiyaa kan ta’an Hirphoo Qumbii (PhD) fi lammii Ingilizii kan ta’an Simoon Lii (Piroofeesar) kitaabicha barreessuuf jijjiiramni Finfinnee ka’umsa akka ta’eef eeruun muuxannoowwan magaalicha irraa fudhataman illee hammatamuu AMN’f ibsaniiru.
Bifti Finfinnee gara gaariitti jijjiiramuuf akkasumas magaalattiin yeroo dhaan yerootti fooyya’aa dhufuu Dooktar Hirphoo Qumbii ibsaniiru.

Daandiin Boolee duraan fooyya’aa jedhamu illee foolii badaa qabu irraa qulqullinaan bilisa ba’ee arguun imala dhiyeenyatti gara Finfinneetti taasisaniin mirkaneeffachuu kan kaasan Barreessaan kun ijaarsotni yeroo gabaabaa keessatti eegalaman ariitiin xumuramuu mil’achuu dubbataniiru.
Kanumaanis gara waa’ee Magaalichaa qorachuun fi kitaabicha qopheessuutti seenuu himaniiru.
Barreessaan lammii Ingilizii ta’an Piroofeesar Simoon Lii gama isaaniin namootni waa’ee Yaadannoo Injifannoo Adwaa, waa’ee Goda Hambaa fi kanneen biroo hubannoo qabaachuu eeruun kitaabicha keessatti waa’een dubartoota daandii irraa kaafamanii fi hojiileen misoomaa kanneen biroo haalaan hammatamuu ibsaniiru.

Qorannoo taasisaniin jijjiiramni Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti agarsiifte sadarkaa magaalota gurguddoo addunyaatti akka ramdamtu kan taasisu ta’uu Piroofeesar Simoon Lii himaniiru.
Milkaa’inni akkasii mul’ata, qindoominaan fi cichoomina hoggansaa kan barbaadu ta’uu kaasuun kanaafis Kantiibaan Adaanech Abeebee fi hoggantootni isaanii biroon tuksaan hojjachuu irra darbee deggersi jiraattootni taasisanis olaanaa ta’uu hubachuu ibsaniiru.
Itoophiyaan haala ammaan yoo itti fufte akkasumas guddina diinagdee ishee waaressite magaalaa kana irra fooyyofte taatu” jechuun barreessitootni Kitaaba “The Remark of Addis Ababa” dubbataniiru.

Kitaabni kun bakka Kantiibaa Adaanech Abeebee fi Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti tibbana eebbifamuun isaa ni yaadatama.
Malkaamuu Abbabaatiin