Naannawaa Birbirsa Gooroo Buufatee daa’immaniif addatti galaa sammuu kan gudunfateefi maalummaa Itoophiyaas fagoo osoo hin deemiin hubachiisuf humna kan qabu – Paarkii Araadaa

You are currently viewing Naannawaa Birbirsa Gooroo Buufatee daa’immaniif addatti galaa sammuu kan gudunfateefi maalummaa Itoophiyaas fagoo osoo hin deemiin hubachiisuf humna kan qabu – Paarkii Araadaa

AMN PLUS – Caamsaa 11/ 2018

Paarkii Aradaatti bakki bashannanaa daa’immanii haala magaalaa dhugaa fakkaatuun bifa “Magaalaa Xiqqoo”n ijaarame hojii eegaluun, daa’imman taphaa waliin ogummaa, kalaqaafi jireenya hawaasummaa itti shaakalan uumeera.

Hojiiwwan kalaqaa ajaa’ibsiisoofi bakkeewwan dinqisiisoon paarkii Aradaa keessatti hojjetaman xiyyeeffannaa namoota hedduu argachaa kan jiru, iddoon bashannanaa daa’immaniif qophaa’e “Magaalaa Xiqqoo” jedhamuun beekamu addunyaa ijoolleetif waan dinqisiisaa uumeera.

Paarkii kana keessatti ulaagaalee magaalaa takka qabduun haala daa’immanif mijatuun xiqqeessuun kan ijaarame keessaa bakka ajaa’ibaa barumsaa fi kalaqaa itti daa’imman gabbifatan of-eeggannoo guddaadhaan kan ijaarame akka ta’es eerameera.

Giddugala kana keessatti kaafeewwan, mana tiyaatiraa, baankiiwwan, buufata poolisii, giddu gala sochii ispoortii, mana miidhaginaa rifeensaa, manneen jireenyaa, iddoo gabaa, mooraa loonii, akkasumas konkolaattotaa fi bakka namoonni miilaan karaa qaxxaamuran jiraachuun isaanii waan uumamatti siqu dhugaan kan calaqqisiisuudha.

Giddugalichi daa’imman tuttuqqii iskiriinii dijitaalaa balaa guddaa daa’immarratti fidu irraa bilisa taasisuun kan yeroo ijoollummaa meeshaalee tolchuun taphatamuu san bifa ammayyaatti haaromsuun haala mijataa fi nageenyi isaa eegameen dhalootaaf kan dhiyaate giddugala ajaa’ibaa akka ta’e ibsameera.

Daa’imman giddugala kana keessatti akkaataa fedhii isaaniitiin ogummaa kanneen akka hojjetaa baankii, ogeessa kaaffee ykn poolisii ta’uun shaakalaa yoo guddataan waan ta’uu barbaadan kan mirkaneeffatan ta’uus eerameera.

Giddu gala kana keessatti nageenya daa’immanii eeguu malee, “kana hin tuqinaa, sana hin godhinaa” jedhamee dhorkaan bilisummaa daa’imman irra kaa’ame akka hin jirre Hundeesituu fi Hoji Raawwachiiftuun giddugalichaa Asnaaqech Nigusee AMNtti himaniiru.

Maatiin daa’immaan isaanii yaaddoo tokko malee giddu gala kanatti kennachuun dhimma isaanii erga xumuraniin booda deebi’anii fudhachuu akka danda’anis Aadde Asnaaqech dubbataniiru.

Giddugalichi Kibxata irraa hanga Dilbataatti guyyaa guyyaan ganama keessaa sa’aatii 3:30 irraa eegalee hanga galgala keessaa sa’aatii 1:00 tti tajaajila kan kennu yoo ta’u, gatiin tajaajilichaas yeroo turtii irratti kan hundaa’u ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan sa’aatii tokkoof birrii 400, sa’aatii lamaaf birrii 600, walakkaa guyyaaf birrii kuma 1 fi 300, akkasumas guyyaa guutuu yoo ta’e birrii kuma 2 fi 500 akk ta’e Aadde Asnaaqech ifoomsaniiru.

Paarkii Aradaa keessatti bakki bashannanaa bifa “Magaalaa Xiqqoo”n daa’immanif hojjetame yeroo muraasaaf kan daa’imman itti taphatan qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanii gara fuulduraatti fudhatani taphaa fi bilisummaan kan itti baratan akka ta’es hojii raawwachiiftuun hubachiisaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply