Bu’uura eegumsa hawaasummaa daa’imummaarraa hanga maanguddummaa

‎AMN PLUS – Caamsaa 11/2018

‎Waggoota jijjiiramaa muraasa darban keessatti ashaaraan guddaan bulchiinsi magaalaa Finfinnee ittin maqaa dhahamu tokko dhiyeessi soorataa lammilee harka qalleeyyiif taasisuudha.

Keessumaa bara 2012 dura barattootni maatiin harka qalleeyyii nyaata gahaa dhabuun manneen irraa akka hafan taasisaa turu odeeffannoon ni mul’isa.

Ragaan qorannoon dabaalame akka mu’isutti hanqina nyaataa fi sababa rakkoo diinagdee qofaan barattootni waggaa waggaan dhibbantaa 10-15 ta’an barnoota isaanii addaan kutaa akka turan ni agarsiisa.

‎Barattootni hedduun gara mana barumsaa dhufanis sababa hanqina nyaataatiin barnoota isaaniif xiyyeeffannaa kennuu dhabuun barnoota isaanii walakkaatti dhiisuun fedhiin isaanii bal’aa ta’uu qorannichi ibseera.

‎Bara 2011/12 keessa gabaasaaleen ba’an akka agarsiisanitti manneen barnootaa magaalichatti argaman tokko tokko keessatti barattootni sababa hanqina nyaataatiin rakkoolee garaagaraaf saaxilamaa turuun hubatameera.

‎Bulchiinsi magaalaa Finfinnee rakkoo kana furuu kan dandeessisu sagantaa soorata barattootaa bocuun hojii irra oolchaa jira.

Kaayyoon isaa inni guddaan barattoonni sababa hanqina nyaataan barnoota isaanii irraa akka hin hafne gochuun dhaloota humna oomishaa borii ijaaruu fi isaan galii gadi aanaa qaban baasii isaan nyaataaf baasan qusachuun fedhii bu’uuraa biroof akka oolchan deggaruudha.

‎Yeroo ammaa kana barattoonni barnoota idileen duraa hanga kutaa 8ffaatti kuma 700 ol ta’an guyyaatti nyaata yeroo lama, yuunifoormiifi meeshaalee barnootaa argachaa jiru.

‎Dabalataanis, giddu galoota soorataa “Tasfaa Birhaan” 29 keessatti maanguddoonni, qaama miidhamtootaa fi kan biyyaaf oolmaa oolan kabajaan soorachaa jiru.

Akkasumas haadholiin kuma 30 ol ta’an nyaata qopheessuutiin carraa hojii argatanii galii dhaabbataa akka argatan taasifameera.

‎Hojiin kun imaammata magaalattiin gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uuf qabattee hojjechaa jirtuuf agarsiistuudha.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply